• Mon. Sep 25th, 2023

Itoophiyaa diimookiraaftette keessatti deebiin Oromoo deebiti jechuun Oromoo goyomsanii gabrummaa jala bubbulchuudha jechuun hayyuun Oromoo Dr. Tsaggaayee Araarsaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa waliin turtii taasise irratti dubbate

Mar 28, 2023

ONM-ABO bitootessa 28, 2023

Impaayerri Itoophiyaa dur uummata Tigraay dabalatee ifaa ture, waggoottan shanan kana Oromoo dabalatee saboota hedduu dhiibee baasuun Amaarri qofti keessatti akka ifuu fi Itoophiyaa jechuun Amaarummaan akka iftu taasisanii jiru jechuun kan dubbatan Dr Tsaggaayee Araarsaa, mirgi Oromoo Itoophiyaa diimookiraatofte keessatti ni eegama jechuun barcuma Abiy Ahimed tiksaa jechuun daboo waamuu dha jedhan.
Dhaaboleen Oromoos ta’e namootni dhuunfaa Itoophiyummaa keessatti mirga Oromoo kabachiisna jechuun dantaa fi bolola aangoo yoo ta’e malee Oromummaa fi Itoophiyummaan waliin deemuu hin danda’u jechuun yaada bal’aa kaasan.

Kana malees har’as warra Finfinneen kan keenya jedhanii fi Oromoo warra maqaa isaan waamuu dhiisanii maqaa tuffiin waaman waliin biyya ijaaruun ni ulfaata kan jedhan Dr. Tsaggaayee Araarsaa, Oromoon biyya ga’uuf tokkummaan qabsoo isaa finiinsuu qaba jedhaniiru.

Dhimma araara sobaa bilxiginnaan dubbatee fi olola oofamaa jiru ilaalchisuun yeroo dubbatanis bakka ABO-WBOn araaraaf hin waamamnetti akka waan  Naayiroobii, Kaampaalaa fi Finfinneetti mareen taa’amaa jiruutti dubbachuun, burjaajii hawaasa gudduuttii fi waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti dhalchuun bu’aa siyaasaa argachuuf kan yaadameedha jedhe.

Dippiloomaasiin Oromoo sadarkaa tokko fuulduratti tarkaanfachuu ibsuun kanaaf ammoo agarsiistuun Mr. Antoonii Biliinkeen ministeerri dhimma alaa Ameerikaa rakkoon Oromiyaa keessaa furamuu qaba jechuun dubbachuu fi kanaafis ABO-WBOn hojii hojjechuu isaa eeraniiru.

Dhuma irrattis uummatni Oromoos ta’e Waraanni Bilisummaa Oromoo akkasumas hayyoonnii fi diyaaspooraan Oromoon tokkummaan qabsoo geggeeffamaa jiru jabeessuuf waraana isaa WBO cimsee bira dhaabbachuu qaba jechuun Dr Tsaggaayeen ergaa isaanii dabarsaniiru.

Guutuu turtii kanaa har’a galgala Qophii Qorqortii siyaasaan Arraata Biyyoolessa Oromiyaa irraa isiniif dhiyaata.

Leave a Reply