• Tue. Dec 5th, 2023

WBOn Lixa Wallaggaa ona Ganjii keessatti diina 56 ajjeesuun 94 madeesse

Mar 13, 2023

ONM-ABO 13 Bitootessa 2023

Abdii fi gaaddisni Oromoo WBOn godina Lixa Wallaggaa ona Ganjii keessatti diina du’aa fi madoon adabuun injifannoo boonsaa galmeesseera.

Bitootessa 11, 2023 ganama godina lixa Wallaggaa aanaa Ganjii ganda Qawwisoo bakka addaa Tabba Abbaa Giiloo jedhamutti gootichi waraana faashistii konkolaataa 3n deemaa turte irratti bakakkaa itti buusee abidda itti qabsiisuun rasaasaan olii fi gadi akaa’ee 56 ajjeesuun 94 madeesseera.

Tarkaanfii laalessaa kanaanis waraana bilxiginnaa 8 harkaan yoo booji’u qawwee AKM 25 dugda diinaa irraa hiikuun konkolaataa waraanaa sadanuu ibidda itti gabbisee daaraa taasiseera.

Injifannoon Uummata Oromoof

Leave a Reply