• Sat. Sep 23rd, 2023

Godina Iluu Abbaa Boor aanaa Biloo Nophaa irraa Murni bilxiginnaa  dargaggoota humnaan butuun leenjii waraannatti ergaa jiraachuun barame 

Mar 14, 2023

ONM-ABO Bitootessa 14, 2023

“Soogidda soogiddaan cabsu” akkuma jedhame erga impaayerri Itoophiyaa hundooftee kaasee ilmaan Oromoo waliin cabsuuf wal irrattii bobbaasanii wal kan fichisiisan ergamtootni habashootaa har’as akkuma  abboota isaanii dargaggoota Oromoo qabsoo bilisummaa saba isaanii dura dhaabuuf waraanummaa leenjisaa jiru.

Duulli dargaggoota Oromoo humnaan qabanii lubbuun isaaniin impaayerattii tiksiisan kun jabaatee itti fufuun aanota, kaabinootaa aanaa fi hojjettoota mootummaan dargaggoota hanga kana fiduu qabdu jechuun dirqama itti godhanii hojjechiisu. Gochi kun bifa haaraan ji’a Bitootessa irraa kaasee Oromiyaa cufatti kan raawwachaa jiru yoo ta’u godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Biloo Noophaa irraa dargaggoota baay’inni isaanii 30 ol ta’aan butuun leenjii waraanatti fedha tokko malee ergaa jiru.

Dargaggoota kana qe’ee isaanii irraa erga qabanii dheengadda godinichuma aanaa Aallee magaalaa Goree hoteela Teediroos keessa qubsiifamuun poolisootaan eegamaa turan.

Murni impaayera Minilik afaan qawween tuttursuu barbaadu, loltoota hedduu leenjisee bobbaasuun diddaa fi falmaa Oromiyaa jiru to’achuu barbaadus galma ga’uu akka hin dandeenye maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply