• Tue. Dec 5th, 2023

Baha Harargee aanota garaagaraa keessatti murni impaayera Itoophiyaa bulchuu bilxiginnaan uummata saamuu fi dararuu jabeessee itti fufe

Mar 22, 2023

ONM-ABO bitootessa 22, 2023

Bilxiginnaan impaayera Itoophiyaa hidhattoota Somaalee uummata Oromootti bobbaasuun aanota Oromiyaa ollaa naannoo Somalee irraa Oromoota ajjeesaa, buqqisaa, qabeenyaa saamaa fi barbadeessaa yeroo jiran kanatti Oromoota baha Harargeetti waraana naquun uummata hiraarsaa jira.

Haaluma kanaan godina baha Harargee  aanota akka Haramaaya, Dirree Xiyyaaraa, Kombolchaa fi kkf keessatti  raayyaa Ittisaa impaayerittiif jedhanii qarshii Kuma Shan Shan (5000) fida jechuun namoota irraa dirqiin guuraa kan jiran yoo ta’u, kanneen qarshii of harkaa dhabuun kaffaluu dadhaban mana itti cabsanii halkaan ilmaan isaanii humnan fudhanii gara waraanaa oofaa jiraachuu maddeen keenya gabaasaniiru.

Aanaa Haramayaa keessatti namni Nuuree Amiin jedhamu, bulchiinsaa fi nageenya bilxiginnaa irra Kan hojjetu, waraana PP uummatatti bobbaasuun, WBO sooraa jiru  jechuun namoota dhaansisaa fi mana hidhaatti guursisaa jiraachuus dabalanii ibsaniiru.

Oduuma wal fakkaatuun, aanuma Haromayaa keessatti murni faashistii PP humnaa warana konkolaataa heddun garaa mooraa Irreessa jedhaamutti buusuun uummata naannoo sanaa ba’aa fi gala dhorkaa jiraachuun hawaasni naannoos yaaddoo guddaa keessa galanii jiraachuu maddeen Arraata biyyoolessa Oromiyaatti dabaluun himaniiru.

Leave a Reply