• Tue. Dec 5th, 2023

Godina baha Shaggar ona Boosat keessatti waraanni faashistii PP manneen uummataa guban

Mar 22, 2023

ONM-ABO bitootessa 22, 2023

Waraanni ergama badiisaa mataa nafxanyootaa Abiy Ahimed irraa fudhachuun Oromiyaa mara keessatti bobbaafame, ajjeechaa, saamicha, hidhaa fi reebicha raawwachuun cinaatti qabeenyaa fi manneen hawaasaa gubuu itti fufee jira.

Waraanni qaama hidhatee isa lolu barbaadee loluu irra uummata nagaa deebi’ee miidhu, waraanni faashistii PP kalessaa Bitooteessaa 21, 2023 godina Baha Shaggar ona Boosat ganda Fuulxinnoo keessatti manneen namoota 20 olii jumlaan gubanii jiru.

Manneen ganda Fuulxinnoo keessatti gubate kun kan qonnaan bultoota siyaasa kam keessayyuu hin qabnee ta’us, waraanni uummata Oromoo dhabama gochuuf deemu, manneen qonnaan bultoota kanneenii qabeenya mama guutuu waliin abidda itti qabsiisuun gubanii barbadeessan.

Aanaa Boosat ganda Fuulxinnoo malee Qaawwaa haraa Meerqasaa, Nuuraa Heeraa keessatti badii gurguddaa hojjechaa kan jiran yoo ta’u, kanaan duras aanichuma magaalaa Boolee fi Doonii keessatti, waraanni weerartuu PP kun ilmaan Oromoo nagaa jumlaan manaa birattii fi mana hidhaatii halkan baasanii ajjeesaa turuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply