ONM-ABO bitootessa 22, 2023
Murni caasaan bulchiinsa isaa dadhabee fi bara darbe Abiy Ahimed waraanni osoo hin jirre impaayerattiin hin jirtu jechuun kaabinoota isaa ceephaa’aa fi hattuudha jechaa ture, caasaa isaa arrabsaa ture, kanneen waajjira bulchiinsaa fi nageenyaa jala jiraniif leenjii kennaafii jira.
Leenjiin caasaa nageenyaa bilxiginnaa Oromiyaa mara irraa dhufanii kennamu kun mooraa Awaash Bishoollaatti yoo ta’u, qaamolee kanneen namni arguus dubbisuus akka hin dandeenye maddeen moorichatti dhiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Leenjiin erga eegale torbee 2ffaa kan xumure yoo ta’u, hoggantootni waajjiraalee bilxiginnaa kun uffata ispoortii fudhatanii dhaquun leenj’aa akka jirantu himama.
Murni caasaa hojjetaa, hoggansa siyaasaa fi uummata bal’aa waraana godhachuu barbaadu, bakka cufatti leenjii waraanummaan makate qaamolee isaaf laachaa akka jiru kan nuuf himan, leenjifamtoota kanaaf dabalataan akkaata ittiin sammuu uummata Oromoo keessaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessinaa, waraanicha caasaa odeeffannoo diriirsuun rukuchiisnaa fi shira akkasumas daba uummata nagaa irratti raawwachuun akkamiin qaama biraa maqaa balleessinee dantaa siyaasaaf oolfanna kan jedhu keessatti akka argamu maddeen dabaluun ibsaniiru.

