ONM-ABO Ebila 5, 2023
Mirga hiree murteeffannaa isaaf uummanni Oromoo jaarraa tokkoo oliif aarsaa guddaa kaffalaa kan ture yoo ta’u, wareegama qeerroo fi qarreen walabummaa uummata Oromoo fi bilisummaa Oromiyaaf baasanis Butamuun harka alagaatti kufee kan jiru yoo ta,u, uummanni Oromoo garuu hanga ammaatti qabsoo irraa guyyaa tokkoof dubatti deebi’ee hin beeku.
Bitootessa 4, 2023 godina addaa naannawwaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu naannoo Firii Dorootti karra Finfinnee seensisu cufuun ganamarraa kaasee mormii agarsiisaa turuu maddeen keenya bakka sanatti argaman himaniiru.
Akka maddeen jedhanitti mormiin uummata bal’aa namoota hedduu hirmaachise murna bilxginnaa kan mudate yoo ta’u, mormiin mudate kunis gocha hameenyaa waraanni sirnichaa goleewwan Oromiyaa keessatti raawwachaa jiruu fi maqaa ijaarsa seeraan alaa jedhuun manneen jiraattota magaalaa Buraayyuu keessaa diigamaa jiru balaaleffachuudha, murni bilxginnaa sodaa keessa galuun waraana raayyaa ittisa impaayerattii, poolisii humna addaa Oromiyaa, poolisii Oromiyaa fi milishaa bakkichatti bobbaasuun uummata irratti dhukaasuu fi gaazii immimaanessaatiin hirmaattota mormii kanaa irratti dhibbaa gochuu maddeen Arraata Biyyoolessaal Oromiyaatti himaniiru.
