• Thu. Apr 25th, 2024

Bulchiinsa magaalaa Finfinnee naannoo Meeksiikoo jedhamu keessatti tikoonni bilxiginnaa ilmaan Oromoo hordofuun hidhuu jabeessan 

Apr 18, 2023

ONM-ABO Eebila 18, 2023

Impaayera diigamuuf qarqara irra geessee jirtu utubee dhaabuuf tikoonni bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti bakkoota ilmaan Oromoo socho’anii fi hedduummataan hordofuun sababuma Oromoo ta’aanii afaan Oromoo dubbatan qofaaf qabanii hidhanii jiru.

Haaluma kanaan dargaggoota tilmaamaan 150 ol ta’an magaalaa Finfinnee mana hidhaa Meeksi.bikoo wanjal mirmaraa jedhamu keessatti hidhuun gidirsuu fi midhaa qorqalbiif saaxilaa jiru.

Namoota qabanii hidhan kanneen reebicha irratti raawwachaa, murtii tokko malee baatiilee dheeraaf rakkisaa fi doorsisa guddaa irraan ga’uun, hedduun Isaanii  dhukkubsatanii yaala dhabuun miidhamuu fi barataa Yaasin Abduu baatii tokko oliif murtii malee mana hidhaa keessatti dararamaa jiraachuu fi rakkoo ulfaataan irra ga’aa akka jiru maddeen himan.

Ilmaan Oromoo dachee abbaa isaanii irratti ba’aanii galuun yeroo itti ulfaate kanatti gabrummaa jaarraa tokkoo olii buqqisuuf furmaatni Oromoon qabu waraana bilisummaa Oromoo qofa tumsuudha kanneen jedhan jiraattota magaalaa Finfinneeti.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading