ONM-ABO Eebila 18, 2023
Murni bilxginnaa goolumsaa fi tasgabbii waaraatti impaayerattii tarkaanfachisuu dadhabuun ilmaan Oromoo cufa ilaalcha siyaasaa itti maxxansuun golee oromiyaa keessatti hidhaa, ajjeesaa, saamaa fi rakkoo hedduun irratti geggeessuun umurii aangoo isa dheereffachaa jira.
Haaluma kanaan dheengadda Eebila 15, 2023 lixa Wallaggaa aanaa Aayiraa ganda 01 keessatti konkolaachisaa Lammii mootii jedhamu dirqama nu deemsisi jechuun waraanni faashistii pp rasaasa itti dhukaasuun qaama isa bakka lama madeessuun yeroo ammaa hospitaala Aayiraa keessatti yaalamaa jiraachuu fi haalli fayyummaa isaas yaaddessaa ta’uun barameera.
Oduu biraatiin ammoo lixuma wallaggaa aanaa Qilxuu kaarraa keessatti Kaabinoonnii fi waraanni murna bilxiginnaa maqaa waraana bilisummaa Oromoo deeggerta jedhuun namoota baatii afurii oliif hidhuu fi maallaqa mana isaanii deemuun saamaa jiraachuun barameera.
Namoota haala kanaan dararamaa jiran keessaa B/saa Zelaalem Kan jedhamu baatii 4 oliif Kan hidhan yoo ta’u, obbo Jaarraa Milkii Kan jedhamu ammoo qabeenya guddaa saamuu fi mana hidhaa keessattis dararaa jiru . Cc
Dabalataanis namoota hedduu hidhamanii jiran keessaa kan maqaa arganne muraasni isaanii Gammachiis, Warquu fi Girmaa Qixxaataa kan jedhamanis hidhamanii halkanii fi guyyaa Dararaa irratti geggeefamaa jiruun rakkoo ulfaataa keessa jiraachuu maddeen himan.
