ONM-ABO Eebila 18, 2023
Waraanni faashistii Bilxiginnaa gocha hammeenyaa ilmaan Oromoo irratti raawwatu itti fufuun, godina baha Shaggar keessatti dargaggoota hojii dhuunfaa isaanii irratti bobba’uun jireenya foyya’aa jiraachuuf tattaafatan rasaasa itti dhukaasanii madeessuun miidhaa qaamaa olaanaa irraan ga’uun himame.
Eebila 17, 2023 kaleessa baha Shagar aanaa Adaamii Tulluu magaalaa bulbulaatti Dargagoota jiruu fi jireenya dhuunfaa isaanii geggeeffatan osoo doqdoqqeetiin daandii deemaa jiranii WBO waliin hariiroo qabduu fi waraana Bilisummaa Oromoo biraa dhufaa jirtu jechuun, dhukaasa bananiin Dargagoota kana lamaan doqdoqqee irratti rasaasaan rukutanii madeessuun kuffisan.
Dargaggoonni rasaasa waraana shororkeessaa PP’n mada’aan kunis sababa naannichi nagaa fi tasgabbii hin qabneef maqaa isaanii argachuuf yaalaa turrus hin dandeenye .
Namootni lubbuu Dargaggoota kanaa du’a irraa baraaruuf lafaa kaasuun gara mana yaalaa geessan maalif geessitan jedhamuun namoonni ja’aa ol ukkaamfamanii gara mana hidhaatti darbatamanii jiraachuu maddeen Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himan.
