• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Baha Harargee aanaa Gooroo Guutuu keessatti ba’atii naannoo keessan Waraana Bilisummaa Oromoo irraa eegaa jechuun hawaasa nagaa dararaa jiraachuun barame 

Apr 22, 2023

ONM-ABO Eebila 22, 2023

Waraanni faashistii PP ilmaan Oromoo ajjeesaa, saamaa fi hidhaan dararaa, waan dirqama isaan itti hin qabne maqaa naannoo keessan eeggachuu qabduun aanota Oromiyaa adda addaa keessatti uummata rakkisaa jira.

Murni hundeen isaa raafame bilxiginnaan loltoota hedduminaan leenjisee hidhachiisuun WBOtti bobbaasee milkii dhabus, kasaraa humna namaa fi qabeenyaa mudate irraa barachuu dhiisuun ammas tooftaa dulloomaan hawaasni harka duwwaan naannoo isaa akka eeguuf dirqisiisa.

Godina Baha Harargee aanaa Gooroo Guutuu keessatti sochiin Waraana Bilisummaa Oromoo waan mul’ateef, hawaasni mana buluu hin qabu jechuun toora manaan wal lakkaa’uun akka ala bulan taasisaa jiru.

Kana malees araddoota aanichaa cufa keessatti milishaaf humnaan namoota akka kennan dirqisisuun namoota qabaa kan jiran yoo ta’u, warreen didan ammoo maqaa deggertoota Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun hidhaa jiru.

Caasaa milishaa keessatti namoota lola Tigraay keessatti hidhamanii galan dabalatee qonnaan bultoota qonna malee homaatuu keessaa quba hin qabne maqaa WBO balleessuu qabduun ijaaraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.


Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading