ONM-ABO Eebila 22, 2023
Gareen faashistii PP baay’ina waraana isaa dabaluun Waraana Bilisummaa Oromoo ittiin balleessuu tooftaa jedhu qofa irratti hojjechuu malee waraana isaa seera waraanaan bulchuu irratti kan hin hojjenne, waraanni isaa bakkoota hedduutti wal madeessaa, saamaa fi ajjeesaa jiru.
Haaluma kanaan dheengadda Eebila 20, 2023 godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Dolloo ganda 07 daandii kuusaa boba’aa irraa mooraa waraana bilxiginnaa geessu irratti walitti bu’iinsa miseensota waraana koloneel Abiy Ahimed gidduutti dhalate.
Walitti bu’insa galgala toora sa’a 12:45tti uumameen boombii walitti darbatanii miseensi farra riphee lolaa tokko yoo madaa’u hawaasni naannichatti argamu 16 madaa’uun barameera.
Namoota nagaa boombii miseensotni waraana bilxiginnaa quufanii walitti darbataniin namoota madaa’an 16 keessaa daa’imman 3 madoo guddaa ta’uun hospitaala Dambii Doollootti yaalamaa kan turan yoo ta’u isaan keessaa daa’imni waggaa 9 Bal’inaa Abdiisaa jedhamu yaala olaanaaf kaleessa Ebla 21 gara magaalaa Finfinnee Hospitaala Paawuloositti darbuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


