• Wed. Nov 25th, 2026

Gocha suukkanneessaa waraanni Biltsiginnaa irratti raawwateen dhalataan magaalaa Dambi Dolloo ganda 04 Maarqoos Tolosaa jedhamu manni yaalaa harkisaa akka citu qabu murteesse

Apr 24, 2023

ONM-ABO Ebla 24, 2023

Magaalaa Dambi Dolloo ganda 04 keessa kan jiraatu dargaggoon Maarqoos Tolosaa jedhamu, Ebla 4, 2023 waraana Biltsiginnaatiin halkan sa’a 10tti mana fuudhamuun gara mooraa waraanaatti kan geeffame yoo ta’u, achittis ati seelii WBOti jechuun milishootaa fi waraanni sirnichaa reebichaa fi dararaa ulfaataa irratti raawwataniin rakkoo jabaaf saaxilame.

Dargaggoon kun guyyaa gaafa mooraa waraanaatti geeffamee eegalee halkanii fi guyyaa walitti fufiinsaan guyyoota sagaliif harki Isaa sibiilaan dugda duubatti hidhamuun kan tursiifame yoo ta’u, sibiilli harkisaa ittiin hidhames jabaachuun  dhiigi keessa socho’uu waan dadhabeef harkisaa mirgaa guutummaatti du’uun tortoree ajaa’uu yoo eegalu, milishaan isa hidhes aja’aa harka mucaa kanaaf akkatti hojii hojjennu dhabne jechuun Ebla 14, 2023 akka gara hospitaalaa geeffamu taasisan.

Haaluma kanaan hospitaalli Dambi Doolloos sababa dhiigni gara harka isaa mirgaatti yaa’uu dhaabeef harkisaa mirgaa du’eera, deebiyees fayyuu hin danda’u jechuun muramuu akka qabu adeemsa mana yaalaatiin  mirkaneessan.

Xumura irrattis hospitaalichi hanqina dhiigaa waan qabuuf mucica gara hospitaala Olaanaa Naqamteetti gaafa Ebla 16, 2023 darbe akka yaalamu taasisanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa magaalaa Dambi Doolloo gabaasaniiru.

Leave a Reply