ONM-ABO Ebla 25, 2023
Murni dirree diimookiraasii dhiphisuun hojjechuu barbaadu waraana isaaf qawwee baachuun barcuma isaa tiksaniif osoo hin hafne warreen gaaffii mirgaa gaafatan sababoota garaagaraan yakkuun hidhaa fi ajjeesaa jira.
Dheengadda Ebla 23, 2023 godina addaa naannawaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu naannoo Keellaatti miseensota poolisii humna addaa Oromiyaa 3 sababa gaaffii mirgaa, maaliif uummata reebna, badii malee maaliif hiinaa fi akka poolisiitti dhimma nageenyaa malee siyaasa keessa gallee hojjechuu maaliif hin dhiisnu akkasumas ilmaan Oromoo irraa ajjeechaan dhaabbachuu qaba waan jedhanii isin hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu ittiin jedhamuun sadan isaanii harka duubatti cabsanii hidhuun karaa dugda duuba yuuniversitii Riifti Vaalii haaraa ijaarameen gara daggalaatti ol baasuun jiraachuu fi du’uun isaanii hin beekamin jira.
Kana malees miseensotni poolisii Oromiyaa 10 ol manneen hidhaa magaalaa Buraayyuu keessatti hidhamuun dararaa argaa jiru.
Murni faashistii kun miseensa humna addaa tokko Ebla 15, 2023 bulchiinsa magaalaa Holotaa keessatti ajjeesanii kan gatan yoo ta’u caasaan waraana bilxiginnaa bakka cufatti haalota garaagaraan keessoo isaan wal ajjeesaa jiraachuun barameera.
