• Sun. Jun 4th, 2023

Godina Harargee bahaa aanaa  Kombolchaa keessatti waraqaa eenyummaa baafadhaa jechuun qaamoleen Biltsiginnaa jiraattota yoo dararan aanaa Gooroo Guutuutti uummata reeban 

Apr 26, 2023

ONM-ABO Eebila 26, 2023

Murni saamichaaf bobba’u bilxiginnaan yeroo hedduu uummata irratti saamicha geggeessuuf karoora baasuun waraana isaa leenjisee bobbaasaa kan oolu yoo ta’u, Oromiyaa keessatti gocha badaa; qe’ee lammiilee nagaa gubuu, saamicha fi mancaatii qabeenyaa gaggeessuun uummata hiyyummaan jilbeenfachiisee rakkoo hawaas dinagdee jabaa uumaa jira.

Haaluma kanaan godina Baha Harargee aanaa Kombolchaa Araddaa 01 keessatti Eebila 24,2023 irraa eegaluun waraqaa eenyummaa keessanii haareffadhaa, waraqaa eenyummeessaa kana haareffachuuf ammoo qarshii 410 kaffaltu jechuun dirqamsiisaa jiru. Kanneen maallaqa of harkaa hin qabnu jedhan ammoo yaada biraa qabdu jechuun daddarbachaa gara waajjira poolisii aanaa Kombolchaatti guuraa jiraachuu jiraattonni dubbatu.

Jiraattonni aanaa kombolchaa tokko tokko akka jedhanitti badii tokko malee sababa uummachuun saamaa kan jiraniidha malee qarshii dhibbi afuriif kudhan kan ittiin waraqaan eenyummeessaa  ba’u miti, nuti akkasittuu qaalayinsi jireenya nutti hadheessee jira isaan ammoo ittuu nutti hammeessaa jiru jechuun miira aarii fi yaaddoon Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Godinuma Baha Harargee aanaa Gooroo Guutuu magaalaa Kaarraa Millee keessatti waraanni bilxiginnaa raayyaa ittisa impaayerattii bifa haaraan torbee darbe qubsiifaman uummataan akka isaan yeroon sa’a 12:00’n manatti galan ajajuun uummata goolaa kan jiran yoo ta’u, kanneen waan isaan jedhan cabsuun karaa irra deeman reebaa fi hidhaa akka jiran maddeen addeessaniiru.




Leave a Reply