ONM-ABO Eebila 26, 2023
Dacheen Oromiyaa dirree.samtootaa fi ilmaan Oromoo badii malee keessatti ajjeeffaamanii fi hidhaman erga taatee waggoota lakkoofsisee jira.
Haaluma kanaan dachee Oromiyaa keessatti gochi gara jabeenyaa ilmaan Oromoo irratti raawwatamu itti fufuun, kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Roggeetti Eebila 25, 2023 nama maqaan isaa Dabalaa Ida’aa jedhamu yakka tokko malee Oromummaa qofaan yakkuun waraanni faashistii impaayera Itoophiyaa gara laafina ilmaan Oromoof hin qabne rasaasa itti roobsanii akka ajjeessan jiraattotni himan.
Dabalaa Ida’aa kan jedhamu kana erga ajjeessanii booda loon 6 jelaa ooffachuu fi qabeenyaa hedduus mancaasanii jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Oduu biraatiin Godina Qellam Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Guutee keessattis dheengadda gaafa Eebila 24, 2023 hidhattootni bulchiinsa abbaa irree Abiy Ahimed ajjeechaa jumlaa uummata nagaa irratti rawwataniin cinaatti qabeenya namoota hedduus saamanii jiru.
Obbo Mirreessaa Guddataa harkaa qarshii Kuma dhibba tokkoo fi kudhan, Warqee bukoo giraama dhibba lamaa fi kudha Shan (215) irraa saamanii ajjeesan. Akkasumas Abdii Girmaa irraas doqdoqqee haaraa qarshii Kuma dhibbaa fi shantamaan bitame irraa fudhatanii ajjeessanii jiru.
Caalaa Taakkalaa jalaas doqdoqqee haaraa qarshii kuma dhibbaa fi shantamaan bitamee fi qarshii callaa kuma torbaatama harkaa fudhachuun doqdoqqee fe’atanii deeman.
Obbo Ungaashee Biraanuu abbaa maatii hojii qonnaa hojjachuun ofii fi maatii isaanii jiraachisan jalaa ammoo mana jireenyaa isaaniitti Ibidda qabsiisuun gubanii barbadeessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.