ONM-ABO Eebila 29, 2023
Ilmaan Oromoo Oromiyaa keessatti wabii jireenyaa dhabuun ajjeefamaa kan jiran yoo ta’u kanaanis waggoottan shanan darban keessa namoonni kuma hedduutti lakkaa’aman achi buutee dhabamsifamuun maatiin hanga har’aa barbaadaa akka jiranii fi du’an illee arganii awwaallachaa akka hin jirre ni beekama.
Murni faashistii PP waraana isaa uummata harka duwwaatti bobbaasee namoota nagaa sobaan yakkuun achi buutee dhabamsiisuu hojii idilee isaa kan godhate yoo ta’u godina lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Tuwaanbii naannoo Gabaa Kamisaa iddoo jedhamutti gaafa Eebila 10, 2023 ganama dargaggoo Daawud Bagiree jedhamu mana jireenyaa isaatii qabanii achi buutee isaa dhabamsiisanii jiru jedhu jiraattootni.
Caasaan waraana Abiy Ahimed hidhuu fi ajjeesuutti amanu dhiheenya kana badii tokko malee dargaggoota 100 qabuun kan dhabamsiise yoo ta’u, isaan keessaa kan maqaa arganne Rashiid Dirribaa fi Tamaam Mahammad kan jedhaman ganda Kollii Seedee keessaa ukkaamfamuun osoo hin argamin baatii sadii lakkoofsiseera.
Dargaggoonni kun maatii qonnaan bultoota irraa akka dhalatanii fi hojii qonnaa hojjachuun ofii fi maatii isaa jiraachisaa akka turan kan dubbatan jiraattootni namootni kun nama siyaasa kam irraa iyyuu bilisa ta’ee fi ganda isaanii keessatti nama jaallatamoo fi kabajamoo ta’uu ragaa ba’uuf.
Haa ta’u malee gareen ilmaan Oromoo qabanii hidhuun qorqalbii cabsuun aangoo irra bubbuluu fedhu akeeka isaa farra diimookiraasii ta’eef ilmaan Oromoo qe’ee fi qabeenya isaanii irraa hidhuun jireenyi isaanii akka manca’u gochuun hojii bilxiginnaa waggoottan shanan kana hojjete keessaa tokko akka ta’e ni beekama.
