• Wed. Apr 24th, 2024

Godina Addaa Naannawwaa Finfinnee Bulchiinsa Magaalaa Sabbataa keessatti milishoota walitti qabuun akka waan WBO booji’aniitti waraabaa jiraachuun saaxilame

May 1, 2023

ONM-ABO Caamsaa1, 2023

Dirree lolaa irratti lola Waraana Bilisummaa Oromoo waliin taasisan dura dhaabbachuu dadhabuun kaadiroonni bilxiginnaa magaalaatti ol dacha’uun olola sobaa uumanii uummata burjaajessuun deggertoota isaanii gammachiisuuf dhagaa gara hin galchine hin qabani.

Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee Bulchiinsa Magaalaa Sabbataa keessatti milishoota walitti qabuun akka waan Waraana Bilisummaa Oromoo lola irratti booji’aniitti waraabaa ooluu maddeen keenya gabaasaniiru.

Maddi keenya akka gabaasetti, bulchiinsa magaalaa Sabbataa bakka Addaa Boonayyaa jedhamutti Ebla 30,2023 milishoota waliin oollu walitti qabuun raaree fi dhukkee keessa gangalchuun akka waan WBO boji’aniitti qawwee itti hidhanii qophii waraanaa fakkeessuuf ba’aa dugdattti fe’uun akkasumas hidhannoo tolchaniifii waraabaa oolaniiru jedhee jira.

Gabaasa kana irraa hubachuun akka danda’aametti, milishoota madda keenya kana waliin qaamaan wal beekan guyyoota dura walitti qabuun leenjii kennaafii erga turaniin booda, Ebla 30, 2023 waraabbii documentary sobaa kana eegalanii jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading