ONM-ABO Caamsaa 2, 2023
Wal dhibdee ABO-WBO waliin qabnu karaa nagaa furanna jechuun miidiyaa fi dabballootni PP dibbee araaraa reebanis, abdii uummatni rakkoon jiru karaa nagaan furamee arguu uummata Oromoo dukkaneessuun uummaticha ammallee maqaa deggertoota Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun reebuu, hidhuu fi ajjeesuun akkuma itti fufetti jira.
Akka kanaanis oduu ajjeechaan wal qabatuun dheengadda jechuun Ebla 29 fi 30, 2023 walitti aansuun waraanni murna biltsiginnaa namoota nagaa afur godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan ganda Tuulamaa fi Mojoo jedhamutti ajjeesuun barameera.
Namoota jireenya dhuunfaa isaaniif tattaafachuun jiraatan badii tokko malee raasasa itti roobsuun ganda Tuulamaa keessatti kan ajjeesan Gammachuu Xurunaa abbaa Maatii, Adimaasuu Bantii Abbaa maatii fi dargaggoo Taarikuu Baay’isaa kanneen jedhamanii dha.
Aanuma Hawwa Galaan ganda Mojoo keesssatti dargaggoo Pheexiroos Taammiiruu jedhamus ajjeesaniiru.
Murni faashistii PP kun waraana isaa bobbaasuun ajjeecha sukkanneessaa fi saamicha aanaa Hawwaa Galaan keessatti raawwachaa jiraachuutti jiraattootni yaaddoo keessa galuun naannichaa baqachuun gara magaalaa Canqaa, Dambii Doolloo fi Buraayyuutti galaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
