• Sun. Oct 1st, 2023

Baha Harargee Aanaa Gooroo Guutuu keessatti dargaggoota 24 bakka Dabootii qabanii hidhan

May 2, 2023

ONM-ABO Caamsaa 2, 2023

Maatii qabsaa’otaa fi sabboontota hidhuun namoonni ollaa maatii hidhamtootaa hojii akka hin gargaarre taasisanii maatii hidhamtootaa rakkoo ulfaataa keessatti gataa jiru.

Haaluma kanaan Baha Harargee aanaa Gooroo Guutuu keessatti nama maqaan isaa Nasiruu Mohaammed Abdullee jedhamu badii tokko malee qabanii mana hidhaatti darbachuun, hiriyootaa fi ollaan isaa maatii isaa akka hin gargaarre godhanii jiru.

Nasiruun daladalaa loonii yoo ta’u, sangoota inni oofee deemuu nama nyaatee jennaan osoo inni nama sangaan nyaatame kana qabee hospitaala geessaa jiruu waraanni PP qabuun, WBO lola irratti madaa’e qabdee hospitaala deemaa jirta jechuun qabanii mana hidhaatti darban.

Ebla 30, 2023 dargaggoonni aanaa Gooroo Guutuu araddaa Aayfokkiruu jedhamtu keessatti G daboo yookiin guuza  wal waamuun obboleessa isaanii kan mana hidhaa jiruuf ooyruu qotaa osoo jiranii, waraanni faashistii kun namoota 24 qabanii ooyiruu waraana bilisummaa Oromoo qotaa jirtu jechuun mana hidhaatti galchanii jiruu.

Adda durummaan gochaa kana hogganee kan raawwachiisaa jiru abbaa araddaa Aayifokkiruu kan ta’e, Kadir Abdallaa nama jedhamu ta’uus Qeerroon gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply