• Sun. May 28th, 2023

Waraanni shororkeessaan Abiy Ahimed baha shaggaritti bobbaa’anii jiran namoota nagaa irratti ajjeechaa fi miidhaa qaqqabsiisan jabeessan

May 2, 2023

ONM-ABO Caamsaa 2, 2023

Bu’aa siyaasaa fi gadaa aangoo isaa dheeraaffaachuuf murni bilxiginnaa waraana isaa uummata nagaatti bobbaasuun ajjeechaa sukkaanneessaa, saamicha fi midhaa garaagaraa Oromiyaa bakkoota adda addaatti raawwataa jiru.

Godina baha Shaggar ona Boosaat keessaatti waraannii weraartuu PP maqaa sakata’insa waraana bilisummaa Oromootiin bobbaa’an  naannawaa magaalaa Boolee mooraa tokkoffaa fi shanaffatti namoota Shan yoo ajjeessaan, namoota lama ammoo madeessuuniiru.

Ajjeechaa fi midhaan namoota nagaa kana irra qaqqaabee kun dheengadda Ebla 30, 2023 yoo ta’u, ona Boosat magaalaa Boolee mooraa tokkoffaatti namoota maqaan isaanii Musxafaa Sulxaan, Juundii Hamdaa, Abaatee Indaalaa jedhaman ajjeessuun, Teessoo Aliyii fi Muktar Kadir kanneen jedhaman ammoo maddeessun midhaa qamaa irraan ga’anii jiru.

Magaalaa Boolee mooraa 5ffaa bakka addaa Nuuraa Raphii jedhamuttis Abdii Jamaa fi Ganna Hamaa yakka tokko malee rasaasaa itti roobsuun ajjeessuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply