ONM-ABO Caamsaa 2, 2023
Sirni bulchiinsa aangoo impaayera Itoophiyaa dhuunfatee maqaa mootummaan of waamu Biltsiginnaan, rakkoolee tajaajila hawaasummaa lammiilee biyyattii hundeen furuu dadhabuun, uummatni dhiibbaa hawaas-dinagdeef saaxilamee, rakkoo qaala’iinsa jiruuf jireenyaa itti dhufe dandamachuu dadhabaa jira.
Oduu kanaan wal qabatuunis godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Dolloo fi aanota ishee akkasumas gandoota achi jalatti argaman mara keessaa turtii torban tokkoo ol caaluuf tajaajilli ibsaa hawaasa irraa citee kan jiru ta’uu jiraattotni dubbatan.
Sababa baduu ibsaa kanaafis rakkoo keessa jirra kan jedhan jiraattotni, Magaalittii fi aanota ishee mara keessattis hojiileen humna ibsaan wal qabatan guutummaatti dhaabbatanii jiraachuu fi dhiibbaa isaatiin ammoo rakkoo hanqina nyaataa dabalatee rakkoon tajaajila ifa dhabuu yaaddoo uumaa jiraachuus himaniiru.
Rakkoo keessa jirru akka nuuf furaniif waajjira humna ibsaa bulchiinsa magaalaa Dambi Dolloof irra deddeebiin gaaffii dhiyeessinus haga ammaatti deebii kan nuuf hin laanne yoo ta’u, rakkoo kana furuufis tarkaanfii fudhachaa jiru kan hin qabne ta’uu kan himan jiraattotni, walumaa galattis qaamni barcuma aangoo impaayerattii dhuunfatee jiru biltsiginnaan qaama nu gaggeessuuf bakka nu bu’u miti jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.