Wal-dhibde siyaasaa Oromiyaa keessa jiruuf furmaata nagaa barbaaduuf biyya Tanzania keessatti marii gaggeeffamaa ture kan marsaa jalqabaa har’a Caamsaa 3, 2023 xumurame jira. Haata’uutii, marii marsaa duraa kana irratti dhimmoota siyaasaa ijoo ta’an irratti walii galtee irra gahuun hin danda’amne. Qaamoleen lamaanuu wal-dhibdee jiru, karaa nagaatiin furmaata waaraa argamsiisuuf jecha marii wal-fakkaata itti fufsiisuuf wal-hubannoo irra gahani jiru. Carraa kanatti dhimma bahuun waldhibde siyaasaa karaa nagaa furuuf ABOWBOn kutannoo qabu irraa deebihee ni mirkaneessa. Dablataanis ABO-WBOn qaamota marii kanaaf haala aanjessanii fi keessummeessan maraaf galata guddaa galcha.
Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO
Caamsaa 3, 2023
