• Sat. Mar 14th, 2026

Godina baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa keessatti dargaggoota lama waraanni bilxiginnaa ajjeesuu jiraattotni dubbatan  

May 6, 2023

ONM-ABO Caamsaa 6, 2023

Ilmaan Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa gaafachuu fi mirga hiree murteeffannaaf qabsoo geggeeffamaa jiru irraa duubatti deebisuuf, kutaalee Oromiyaa mara keessatti waraanni goolessaan PP addatti ilmaan Oromoo qofa irratti xiyyeeffachuun hidhaa fi ajjeechaa raawwachaa jira.

Ajjeechaan Oromiyaa keessatti Oromummaa sababa godhate ilmaan Oromoo irratti hammaachuun, baha Shaggar ona liiban Cuqqaalaa keessatti kaleessa jechuun Caamsaa 5, 2023 dargaggoota lama waraanni weerartuun bilxiginnaa rasaasaan rukutanii ajjeesuun beekameera.

Dargaggootni ajjeefaman kunneen Jufaaraa Bokonee fi Qorichoo Dorfosee kan jedhaman dargaggoota abdii fi egeree Oromiyaa yoo ta’an, gochi sirnichaa kunis tooftaa ittiin qabsoo uummata Oromoo duubatti deebisan tolfachuu fi dargaggoota anniisaa qabsoo Oromoo irratti xiyyeeffatanii ajjeesuunis uummaticha lafa irraa balleessuuf yaalii taasifamaa jiru ta’uu akeeka.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading