ONM-ABO Caamsaa 8, 2023
Barcuma siyaasa isaa tikfachuuf jecha ilmaan hiyyeessaa akka barbaadetti kan itti taphachaa jiru murni faashistii PP, kaabinoota dandeetti hin qabne uummata nagaatti bobbaasuun uummanni nagaan jiruu fi jireenya isaa akka hin geggeeffanne godhaa jiru.
Haaluma kanaan lixa Harargee aanaa Xuulloo ganda Haqa Mul’is Qaqalii keessatti bulchaan gandaa Aliyyii Abdullaa Idiriis jedhamu WBOn akka asiin hin dabarre bahaa eegaa jechuun uummatatti dirqama gochaa jiru.
Namoota hin eegne irrattis adabbii cimaatu ga’a jechuun doorsisaa akka jiran maddeen ibsaniiru.
Kana malees namoota hedduu ija shakkiin ilaaluun ati WBO deggarta, WBO biraa dhufta akkasumas ati caasaa isaaniiti jechuun namoota bahaaf gala dhorkuun reebichas itti hammeessanii jiraachuu dubbatanii jiru.

