• Mon. Sep 25th, 2023

Godina Baha Harargee aanaa Gooroo Guutuu fi aanaa Malkaa Bal’oo keessatti waraanni PP reebichaa fi hidhaa hammeessan 

May 15, 2023

ONM-ABO Caamsaa 15, 2023

Dararaan waraanni PP Baha Harargee keessatti raawwachaa jiru jabaachuun aanaa Goroo Guutuu magaalaa Borodaa, ganda Adamii hanga magaalaa Hadasitti waraanni murna PP hedduumina qabu daandii konkolaataa kallattii lamaan cufuun dheengadda jechuun caamsaa 13, 2023 uummata reebaa gariin ammoo qabanii mana hidhaatti funaanaa uummata shororkeessaa turuu maddeen keenya gabaasan.

Oduuma wal fakkaatunis aanaa Malkaa Bal’oo araddaa Makkanniisaa ganda Bookee keessatti waraanni sirnichaa uummata hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, nama Diinee Abdurrazaaq jedhamu sababa inni ergamuufii dideef qofa caamsaa 10, 2023 reebicha ulfaataa irratti raawwatan. Guyyuma kana dabalataanis nama Jamaal Ibraahim jedhamu sababa tokko malee qabanii mana hidhaatti darbataniiru.

Gandicha keessatti namoonni ulee diinaa ta’uun adda durummaan uummata hiraarsuu keessatti qooda fudhachaa jiran milishoota Abdulnaasir Abduramaan, Nasraddiinii fi Taajuddiin Ammee Alii jedhaman yoo ta’an, milishootni kunneen uummata nagaa reebuu, hidhuu fi saamuu hojii idilee kan taasifatan ta’uu maddeen gabaasaniiru.

Leave a Reply