ONM-ABO Caamsaa 15, 2023
Gochoota waraanni impaayera Itoophiyaa guyyaa guyyaan ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru jibbisiisaa fi suukkanneessaa ta’aa dhufee jira.
Haaluma kanaan Godina matakkal Aanaa Dibaax ganda Qorqaa, naannoo Boomfoo jedhamuun beekamutti ilmaan Oromoo qabeenya saamamaa fi dararamaa jiraachuu maddeen keenya himaniiru.
Obbo Aagaa Kabbadaa jiraataa Aanaa Dibaax, ganda Qorqaa naannoo Boomfoo yoo ta’an, guyyaa kaleessaa jechuun Caamsaa 14, 2023 waraanni impaayerattii loonii fi qabeenya biroo saamuun dhaga’amee jira.
Obbo Aagaan haadha warraa lama kan qabanii fi abbaa ijoollee hedduu yoo ta’an, waraanni impaayeratti kaleessa ganama sa’a 12:00 tti loonii fi qabeenya inni qaba jedhu kan biroo jalaa saamanii fudhatanii waan deemaniif, maatiin isaanii rakkoof saaxilamanii jirus jedhu.
Dabalataanis ganduma Qorqaa bakka addaa Amuruu jedhamutti qonnaan bulaa Abbabee Bayyanaa intala isaa Shaggee Abbabee waliin reebicha hamaa waraanni faashistii PP irratti raawwachuun, obbo Abbabaa Bayyanaa lubbuun jiraachuu fi dhiisuun isaa adda hin ba’in jira.
Achuma bakka addaa Amuruu jedhamu kanatti daa’ima xiqqoo umurii 13 taate Shawaayyee Tafarii waan humna isheen olii rasaasa hedduu baachisuun miidhamaaf saaxilanii jiru.
Gochoota kanarratti adda durummaan waraanni koloneel Abiy Ahimed raawwatus, ilmaan Oromoo uummata Gumuz itti bobbaasuun saamsisaa jiraachuu maddeen keenya achi irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

