ONM-ABO Caamsaa 16, 2023
Murni maafi’aa PP araarri karaa WBO gufate jechuun barruu sobaa qopheessee kaabinoota isaa barsiisaa fi duula olola miidiyaa geggeessaa jiruun cinaatti garee hattootaa qindeessuun waraqaa maxxansiisanii maqaa ABO-WBOn burjaajii siyaasaa uumaa jiru.
Haaluma kanaa Bahaa fi kibba Oromiyaa keessatti murni faashistii PP fi daldaltootni siyaasaa murnichaan qindeeffaman waraqaa tumsa ABO WBOf jedhu ofirraa qabatee fi gatii qarshii 50 jedhu qopheessuun uummatni akka keessoon bitatu taasisaa jiru.
Gocha kana baha Oromiyaa godinoota Harargee lamaanii fi Dirree Dhawaa keessatti raabsanii gurguraa kan jiran yoo ta’u, kibba baha Oromiyaa Arsii fi Baalee keessattis waraqaa sana facaasanii jiru.
Akka keessa beektotni jedhanitti murni bilxiginnaa fi daldaltootni siyaasaa akka waan WBO ifatti socho’ee hojjechaa jiruutti fakkeessuun ittiin burjaajii uumuu fi sabboontota Oromoo ittiin adda baasanii hidhuuf akka ta’e ibsaniiru.


