ONM-ABO Caamsaa 16, 2023
Caasaan murna maafi’aa bilxiginnaa yeroo uummanni jiraachuuf muddama hamaa keessa seenee jirutti kallattii addaa addaan yaada kalaquun uummata rakkisuu itti fufee jira.
Haaluma kanaan bulchiinsa magaalaa Buraayyuu bakka warshaa finjaalaa jedhamutti ganamaan uummata walga’ii baasuun uummata mana jireenyaa fi waan nyaatee jiruu isaa geggeeffatu hin qabne, jiraachuufuu qaala’insi jireenyaa rakkisaa jiruun qarshii 1500 Soof Umariif, 120 buusaa gonofaaf, 1500 tiraansfoormarii ibsaaf akkasumas 5000 ammoo ijaarsa daandiif akka kennan dirqama itti kennuun uummata Oromoo bahaaf gala dhorkanii dararuun kaffaluu dadhabee akka qe’ee irraa godaanan taasisaa jiru.
Kana malees, lola Abiy Ahimed barcuma siyaasaa isaa tikfachuuf finxaaleyyii Amaaraa waliin ta’uun mootummaa naannoo Tigiraayiin lolaa erga turanii lubbuu fi qabeenya uummataa hedduu itti kitimaniin booda, amma ammoo uummata Oromoo nagaa qooddataa rakkina kanaa taasisuun dirqamsiisaa jiru.
Haaluma kanaan murni abbaa irree kun bu’aa siyaasaaf naannoo Tigiraay miidhame gargaaruu maqaa jedhuun uummata gargaarsa gaafataa jira.
Uummanni Oromoo walii isaan alatti fira akka hin qabne hubatee gochoota tokkummaa fi dinagdee isaa laaffisuuf taasifaman, uummata galii ga’aa hin qabne baasii humna isaan olii itti fe’uun dhiphinaa fi gaaga’amiinsa jireenyaa kanaa oliif akka of hin saaxille gochoota akkasii irraa dammaqee akka of eegee, walis eegu maddeen keenya dhaamaniiru.
