• Thu. Mar 19th, 2026

Kutaalee magaalaa Finfinnee garaagaraa keessatti waraannii fi kaabinoonni sirnichaa manneen jiraattotaa diiguu fi ajjeechaa raawwachaa jiraachuun himame

May 20, 2023

ONM-ABO Caamsaa 20,2023

Murni biltsiginnaa umurii aangoo isaa dheereffachuuf jecha qabsoo uummatni oromoo taasisaa jiru dadhabsiisuuf ajjeechaa, Saamicha, hidhaa, reebichaa fi qabeenya uummataa gubuun qe’ee isaa irraa buqqisaa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan caamsaa 17/2023 Magaalaa Finfinnee kutaa magaala alamganaa bakka addaa amaanu’eelii fi waatoo jedhamutti waraanni faashistii biltsiginnaa manneen jireenya uummataa diigaa jiraachuun uummata homaa quba hin qabnee fi haalli jireenyaa itti ulfaatee jiru mana malee bakkeetti hambisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Kana malees, jimaata darbe jechuun caamsaa 12/2023 waraanni faashistii Abiy Ahmed mana uummataa diiguun, maatii tokko guutummaatti mana jalaa erga diigaaniin booda abbaa mana fi haadha manaa ajjeesuun daa’imman lama bakkeetti maatii malee hambisaniiru jechuun maddeen keenya dubbatan.

Magaalaa Finfinnee fi naannawwaa isaa keessatti walitti fufiinsaan manneen jireenya uummataa waraanaa fi ajaja kaabinoota bilxiginnaan diigamaa akka ture gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading