• Mon. Mar 16th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Cobii keessatti waraanni faashistii Abiy Ahimad dargaggoo tokko rasaasaan rukutuun yoo ajjeesu, dargaggoo tokko ammoo madeessan

May 22, 2023

ONM-ABO Caamsaa 22, 2023

Hundee bulchiinsa isaa jabeessee gadi dhaabuuf faashistiin Abiy Ahimad yeroo gara aangootti dhufetti “ajjeesuun mo’amuudha”, ajjeesuun dura gorsuu fi barsiisuu irratti xiyyeeffanna jedhee dubbachaa akka ture dagachuun, faallaa Isa waraana isaa naamusaa fi kaayyoo socho’uuf hin beekne uummata nagaatti bobbaasuun dhiiga qulqulluu dhangalaasuu fi lubbuu namoota nagaa obbaafachiisaa Jira.

Haaluma kanaan lixa Shaggar aanaa Cobii ganda Qorichaa Kootichaa bakka adda gabaa sanbataa jedhamutti kibxata darbe Caamsaa 16,2023 dargaggoo Geetuu Abarraa jedhamu waraanni shororkeessaan Abiy Ahimed yakka tokko malee Oromummaa isaatiin yakkuun rasaasa itti dhukaasuun ajjeesan.

Oduu biraatiin aanuma Cobii ganda Qorichaa Kootichaa bakka adda gabaa sanbataa jedhamu kana keessatti dargaggoo Daawwiit Guddisaa jedhamu rasaasaan rukutanii madeessuun yeroo amma yaalama jiraachuu himan.

Aanaa Cobii kana keessatti waraanni faashistii Abiy Ahimed irra deddeebiin namoota nagaa ajjeesaa akka jiruu fi baruma kana keessa haleellaa xiyyaara nama maleeyyii raawwateen namoota dhibbootaan lakkaa’aman aanicha keessatti ajjeesuu fi madeessuun Isaa ni yaadatama.

2 thoughts on “Lixa Shaggar aanaa Cobii keessatti waraanni faashistii Abiy Ahimad dargaggoo tokko rasaasaan rukutuun yoo ajjeesu, dargaggoo tokko ammoo madeessan”
  1. Yooyyaa.
    Sanyii tiyya, dhiiga kiyya , eegduu biyyaaf uummata oromoo.
    Jajabeen tiyya oromoo ogii keessatti aka kadhattuu nyaata dhabdanii bosona keessatti maalummaa keesaan dhiiftanii nuuf beeloftanii dheeboftanii.
    Ani Waaqayyoo Abbaa isniif Kadhadhaa.
    FEDHIIN WAAQAA NUMA ITEETII

    1. Jaal kiyya

      Sabaaf quuqamuuni fi yaaduun sabboonummaa irraa madda. Beelahuu fi dheebochuun ammoo gatii bilisummaaf kennamu dha. Jaallan Dirree yoo dhimmi sanaa olii dhufe kan of duuba deebihan akka hin taane beekamaa dha. Waan Gabrummaa olitti ulfaatu homtuu hin jiru waan ta’eef!

      Fayyaa ta’i! Galatoomi!
      Jaal kiyya

      Sabaaf quuqamuuni fi yaaduun sabboonummaa irraa madda. Beelahuu fi dheebochuun ammoo gatii bilisummaaf kennamu dha. Jaallan Dirree yoo dhimmi sanaa olii dhufe kan of duuba deebihan akka hin taane beekamaa dha. Waan Gabrummaa olitti ulfaatu homtuu hin jiru waan ta’eef!

      Fayyaa ta’i! Galatoomi!

Leave a Reply to @QBO2022Cancel reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading