ONM-ABO Caamsaa 23, 2023
Gochi Sirna faashistii itoophiyaatiin Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru, seenaa gabroomfattoota impaayerattii keessatti qabsoo uummataatiin kufanii kan nu yaadachiisu yoo ta’u, Kunis tibba seelii fi caasaan bulchiinsa isaanii ciramee baduu eegalutti, yakka seenaa waraanni isaanii uummata nagaa irratti dalagaa ture waliin walfakkaachuun, gochi waraana PP hardhaas umuriin bittaa sirnichaa kan gabaabbate ta’uu nutti agarsiisa.
Caamsaa 20, 2023 godina lixa Wallaggaa aanaa Jaarsoo Magaalaa Gabaa Dafinoo keessatti loltoonni biltsiginnaa Obboleeyyan lamaan Hordofaa Nagaasaa fi Qajeelaa Nagaasaa jedhaman mana tokko keessaa qabuun ganda Muraa Borokkaa jedhamtutti geessuun uummata duratti rasaasaan rukutanii yoo ajjeesan, dabalataanis guyyichuma ganda Hidhaabuu irraas nama Tasgaraa Naggasaa jedhamu qabuun Magaalaa Gabaa dafinoo keessatti ajjeesuun, walumaa galatti yakka waraana sirnichaatiin badii tokko malee namoonni nagaan sadii aanichatti ajjeefamuun beekame.
Oduu biraanis Godinuma lixa Wallaggaa aanaa Mana sibuu Ganda Guyyoo Xayibaa keessatti caamsaa 18, 2023 waraanni badii Impaayeratti shamarree Oromoo maqaan ishee Raahel Tissaa Waakkennee jedhamtu jumulaan gudeeduun midhaa guddaa irraan ga’uun kan himame yoo ta’u, aanichuma ganda Waankii jedhamtu keessattis caamsaa 17, 2023 shamarran mana barnootaatii galuutti jiran Shan, waraanumti sirnichaa daandii irraa humnaan qabanii gudeeduun kan himameefi sodaa fi yaaddoo gocha loltoota sirnichaarra kan ka’es maatiin ijoollee isaanii barnoota irraa addaan kutanii kan jiran ta’uu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.


