ONM-ABO Caamsaa 24, 2023
Qaamotni sirna Impaayera Itoophiyaa bulchuuf barcuma aangoo of harkaa qaban, namoota nagaa maanguddootaa fi daa’imman jechuun umuriin osoo adda hin qoodin, ilma namaaf naasuu dhabuun guyyaa irraa gara guyyaatti ajjeechaa fi reebicha jabeessuun, qabeenyas saamaa, mirga namoomaa ilmaan Oromoo sarbuun mana hidhaatti galchanii dararaa ulfaataa irratti raawwachuu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaanis godina lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa ganda Biyyoo Wagiddii bakka addaa Alamxeenaa jedhamuun beekamutti, mana nama dhuunfaa Obbo Bokii Gammachuu jedhamuu cabsuun uffata dabalatee meeshaalee mana keessaa fudhachuun, dunkaana isaaniittis seenanii saamicha irratti geggeessaniin, caasaaleen sirnichaa maaticha harka qullaatti hambisanii deemuun dubbatame.
Ji’oota darban obbo Bokii Gammachuu jalaa waraanumti biltsiginnaa Baabura midhaanii gubuun kan dubbatame hoggaa ta’u, gochi irra deddeebiin maatii kana dinagdee fi qorqalbiin dadhabsiisuuf raawwatamaa jiru yaaddessaa ta’uu jiraattotni himan.
Hidhaa fi reebichi gandicha keessatti geggeeffamaa jiru jabaataa ta’uus kan dubbatan jiraattotni, nama maqaan isaanii Obbo Bokonaa Gaarii jedhamuu fi maanguddoon maqaan nu hin ga’in tokko loltoota sirnichaatiin reebamuun, mana hidhaatti kan darbataman ta’uun himameera.
Oduu biraatiin lixuma Shaggar aanaa Midaa Qanyii ganda Bakkaafaa Abeetuutti, nama Yamaanee Taammanaa jedhamu waraanni bilxiginnaa badii malee ajjeesuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

