• Wed. Jan 14th, 2026

Baqattoonni Oromoo biyya Sudaan keessa jiraatan, sababa dhibdee lola ji’oota hedduutiif biyyattii keessatti gaggeeffamaa jiruun, rakkoo keessa jiraniif birmannaan akka godhamuuf gaafatan

Jun 2, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 2, 2023

Lolli jabaan Eebila 15, 2023 irraa eegalee  Sudaan keessatti garee gurguddoo lama gidduutti gaggeeffamaa jiru; du’a, buqqaatii fi mancaatii qabeenyaa uummata nagaa irratti kan hammeesse yoo ta’u, sababa tasgabbaa’uu fi furmaata waaraa dhabuu lolichaanis lammiilee Sudaan dabalatee baqattoota Oromoo fi biyyoota garaagaraa irratti rakkoo akkasumas miidhaa guddaan qaqqabaa jira.

Haaluma kanaanis, baqattootni Oromoo Sudaan keessatti jiruu fi jireenya isaanii gaggeeffachaa, biyyattii keessattis ilmaan horuun yeroo dheeraaf jiraatan rakkoo ulfaattuu biyya hambaa keessatti argaa jiran kan dubbatan yoo ta’u, ilmaan Oromoo Sudaan Kaartuum keessatti gidiraa argaa jiran keessaas, haadhi Oromoo Kuulanii Bayyanaa jedhamtu rakkoo keessa jirtu yoo dubbattu, biyya Sudaan keessatti ulaagaa baqattummaa guutuun biyyattii keessa jiraachuu eegaluun ishee waggoota 25 ol akka ta’e ibsiti.

Itti dabaluunis  ilmaan afuris achi keessatti horuu kan dubbatte yoo ta’u, waqtii lolli kun eegalee kaasee rasaasa lafoo fi xiyyaaraan nu irratti gaggeeffamaa jiruun manaa gadi baanee dukkaanaa waa bitnee nyaachuun nutti ulfaatee jira jechuun haala ulfaataa keessa jiran dubbatti.

Haatii kun baqattoota ilmaan Oromoo wajjin jirru keessaa daa’immanii fi dubartootni ulfaa illee waan jiraniif haala suukkanneessaa keessa jiraachuu fi biyyatti deebi’uuf ammoo rakkoo maallaqaallee waan qabnuuf hawaasni Oromoo biyya keessaa fi alaa jirtan kallattii dandeessaniin birmannaa nuuf taasisaa jechuun waamicha gargaarsaas taasisanii jiru.

Baqataan Oromoo Kaasahuun jedhamus itti dabaluun Sudaan keessatti gidiraa argaa jiraachuu dubbachuun, lola kana irratti namoonni maallaqa qaban gara daangaatti baqachuun of baraaranis, namoonni maallaqa of harkaa dhabne ammoo Kaartuum keessatti hafuun haala ulfaataa,  rakkoo nyaataa fi bishaanii argaa jirruun miidhamaa waan jirruuf uummanni Oromoo nuuf owwaadhaa jechuun rakkoo isaanii ibsatu.

A.L.A bara 1992 UNHCR irraa waraqaa seeraa baqattummaa argachuun mooraa baqataa biyya Sudaan keessaa mooraalee akka Damaazin, Suuqii fi Angurgur keessa waggoota 23 oliif naanna’uun jireenya injifachuu waanan dadhabeef dhiyeenya gara magaalaa Kaartuum seenuun hojii dhuunfaakootti bobba’ee ofiif ilmaan koo jiraachisaa osoon jiruu haalli nuti hin eegin lolli ulfaataan magaalitti keessatti eegale kan jedhan baqataan Oromoo Obbo Abiraam Olaanaa jedhaman haala ulfaataa keessa jiraachuu dubbachuun, sodaa ulfaataa lubbuu ofiif sodaachisu keessa waan jirruuf deggersa uummata keenyaatiin akka baraaramnu jechuun uummata Oromoof waamicha godhaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading