• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruu keessatti tajaajilli dhaabbilee hawaasaa addaan cituu jiraattotni dubbaatu

Jun 10, 2023

ONM-ABO Waxabajji 10, 2023

Aanota godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti finxaaleyyiin Amaaraa faannoon daangaa Oromiyaa cabsanii seenuun, waraana raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa waliin qindoomuun uummata nagaa qe’ee irraa buqqisuu, ajjeechaa gara jabinaa raawwachuu fi qabeenya uummata Oromoo saamuu fi tajaajila dhaabbilee hawaasaa guutummaa guutuutti addaan kutuu  jiraattotni himan.

Haaluma kanan godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruu magaalaa Agamsaa keessatti yeroo gara garaatti haleellaa hidhattootni Amaaraa faannoon irra deddeebiin raawwataniin namootni nagaa ajjeefamuu, buqqa’uu fi manca’iinsi qabeenyaa raawwachuu irra darbee tajaajilli dhaabbilee hawaasaa kanneen akka Ibsaa, daandii manneen barnootaa fi manneen yaalaa tajaajila dhaabuun uummanni naannichaa rakkoo keessa jiraachuu jiraattotni ONMtti himan.

Sababa tajaajilli dhaabbilee hawaasaa addaan cite kanaan barattootni hedduun carraa barnootaa dhabuu fi dhukkubsattoonnis bakka itti yaalaman  dhabanii miidhamaa jiraachuu fi sababa  tajaajilli ibsaa adda citeefis rakkoon nyaataa isaan mudachuu dabalatee hojiileen ibsaan wal qabatan danqamuun jiraattotni rakkoo ulfaataa keessatti kufanii jiraachuun himame.

Kana malees bakkaa bakkatti socho’uuf sababa daandiin konkolaataa tajaajila kennaa hin jirreef sochiin geejjibaa dhaabbachuun jiraattotni karaa fagoo ba’aa ulfaataa baatanii miillaan imalaa jiraachuu fi firaa fi maatii isaanii bakka biroo jiran dubbiisuuf tajaajilli Networkii illee gahaatti akka hin jirre jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading