• Sat. Mar 14th, 2026

Lixa Shaggar Liiban Jaawwii keessatti dargaggootaa fi sabboontota ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuruun dararaa jiraachuun beekame

Jun 13, 2023

ONM-ABO Waxabajji 13, 2023

Sirni nama nyaataan dhala namaaf naasuu hin qabne, waraana isaa Oromiyaa bakkoota garaagaraa keessa bobbaasuun, gochaalee gara jabeenyaa dhala namaaf hin malle ilmaan Oromoo irratti raawwachuu ittuma fufuun, Lixa Shaggar Aanaa Liiban Jaawwii keessatti dargaggootaa fi maanguddoota osoo hin jedhin ilaalchaan shakkuun mana hidhaatti guuruun dararaa hamaa irraan ga’aa jira.

Godina Lixa Shaggar aanaa Liiban Jaawwii, ganda Agal Gobboo Basallee keessatti ilmaan Oromoo adamsanii hidhuu fi erga hidhanii boodas mana hidhaatii baasuun reebicha ulfaata irratti raawwachaa jiraachuu maddeen gabaasaniiru.

Akka maddeen jedhanitti, gandi kun naannawwaa bosona Jibaatitti dhiyoo waan ta’eef shakkii WBO waliin hariiroo qabdu jedhuun nama maqaan isaa Guutamaa Saffisaa jedhamu dabalatee dargaggoota 6, torbee 1 dura qabanii hidhuun dararaa jiru. 

Kana malees obbo Abdiisaa Diroo jedhamu Waxabajjii 10, 2023 mana jireenyaa isaatii qabuun mooraa waraanaa Daarimuu jedhamutti geessanii halkanii fi guyyaa reebuun gidirsuun haalli fayyummaa isaa yaaddessaa ta’uun himame.

Waraanni sirnichi bobbaafatee jiru,  uummata diinomfachuun naasuu malee reebuu, ajjeesuu, manaafii qabeenyaa irraa barbadeessuufi shororkeessuun qe’ee Isaanii irraa buqqisaa kan jiru yoo ta’u, sirna garaa laafinaa dhala namaaf hin qabne kana Yeroon osoo itti hin kennamin tokkummaan falmannee hundeen buqqisuu qabna jechuun maddeen ona Liiban Jaawwii dubbataniru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading