ONM-ABO Waxabajjii 23, 2023
Impaayerri abbummaan isaa ilmaan nafxanyootaan ibsamu Itoopiyaan ilmaan Oromoof yaaddoo ulfaataa erga taate kan bubbulte yoo ta’u, Oromoonni aarsaa ulfaataa keessatti kaffaluun hiraarfamaa jiraachuun hawaasichatti haalaan yaaddoo ta’ee jira.
Haaluma kanaan dheengadda jechuun Waxabajjii 21, 2023 godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu keessatti waraanni faashistii daa’ima maqaan isaa Raamadaan Shaafee Atoomsaa jedhamu dhalootaan aanaa Mana Sibuu kan ta’e maatii jiraachisuuf aanaa Lataa Sibuu deemuun mana Obbo Asaffaa Amanuu jedhamuu loon tiksaafii ture waraanni bilxigginnaa maqaa sakkata’insa Waraana Bilisummaa Oromoon bobbaa’an bakka dheedicha horiitti dishqaa itti dhukaasuun loon tokko waliin ajjeesuu maddeen himan.
Godinichuma aanaa Sayyoo Nooleetti warraanni PP kaleessa Waxabajjii 22, 2023 waaree dura toora sa’a 5:30tti dargaggoo maqaan isaa Amanuu Mitikkuu jedhamu ganda Odaa Abboonnootti ajjeessuun uummata aanichaas shororkeessaa jiru.
Oduu hidhaatiin ammoo aanaa Qilxuu Kaarraa keessatti Waxabajjii 19, 2023 bulchiinsa baadiyyaa Agamsa Bal’aa bakka jedhamutti waraanni gooleessaan PP bobba’uun namoota lama kan maqaan isaanii barsiisaa Abdiisaa Toleeraa jedhamu qindaasaa Mana barumsaa sadarkaa lammaaffaa fi oggeessa fayyaa Israa’el Jaal’ataa jedhamu qabuun isin Waraana Bilisummaa Oromoo tumsitu jechuun gara ona Qilxuu Kaarraa magaalaa Qilxuu Kaarraa keessatti hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.


