• Sun. Nov 22nd, 2026

Loltootni bilxiginnaa sirnacha ganuun WBOtti makamuu itti fufan 

Jun 23, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 23, 2023

Miseensotni Waraana bilxiginnaa sirna abaramaa uummata Oromoo lafa irraa balleessuuf hojjechaa jiru gananii WBOtti makamuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan Waxabajjii 22, 2023 waraanni PP 3 hidhannoo guutuudhaan gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii Kibba baha Oromiyaatti harka kennatan.

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii kun 1 godina Arsii lixaa Aanaa Heeban Arsii ganda Sadee Sadiin jedhamu irraa meeshaa AKM 1, rasaasa 150 fudhachuun WBO Cibraa Jaal Nadhii Gammadaa bira ga’ee jira.

Ittuma fufuun miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii 2 godina Arsii bahaa aanaa Martii fi Jajuu irraa meeshaa AKM Turkey 2, gumbii  6, rasaasa 300 fi boombii fudhaachuun nagaan WBO Cibraa Hambaa Aanoleetti harkaa kennatanii jiru.

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii kibba bahaa miseensota waraana bilxiginnaa duraanii kanaaf simannaa oo’aa taasisuun, ilmaam Oromoo achi keessatti hafanis faana isaanii hordofuun qawwee fi hidhannoo isaanii waliin sirna cubbamaa gabrummaa Oromoo irra bubbulchuuf hojjechaa jiru ganuun qabsoo saba isaaniitti akka makaman dhaamsa dabarsaniiru.

Leave a Reply