• Wed. Jan 14th, 2026

Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti doorsisni ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffate itti fufuu jiraattotni dubbatu

Jun 24, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 24, 2023

Maqaa ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun ba’aaf gala kan dhorkaman ilmaan Oromoo magaalaa Buraayyuu keessa jiraatan, dararaan waraanaa fi caasaa bilxiginnaan irra ga’u tibba kana jabaachuu dubbatu.

Magaalattii bakka ilmaan kutaalee garaagaraa irraa haala jireenyaa fi dalagaaf itti galanii jiraatan irratti xiyyeeffachuun, aanota irraa deggertoota WBO turtanii asitti galtan, WBO magaalaa kana galchuu fi qabeenyaan as keessa teessanii haala mijeessituuf jechuun badii tokko malee namoota hidhuu, mana namootaa sakatta’uu fi seera isaanii bu’uura godhachuun saamicha geggeessaa akka jiran barameera.

Bakkoota akka Dirree Cirrachaa, Maaramii, Gafarsa Gujee, naannoo Warshaa Finjaalaa fi Haannee Diimaatti halkan halkan dargaggoota Oromoo reebaa, qabeenya saamaa fi qabanii hidhaa kan jiran yoo ta’u, dhimma mana diigumsaan doorsisa geggeessaa fi kanneen jalqabanis itti fufanii diigaa jiru.

Magaalaa Buraayyuu keessatti dhibbaa ilmaan Oromoo ilaalchaan qoodanii geggeessan jabaa ta’uu irraan kan ka’e, Oromummaa ofii sirnaan ibsachuun deggeraa Waraana Bilisummaa Oromoo waan nama taasisuuf hawaasni sodaan akka socho’aa jiru Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading