• Fri. Mar 20th, 2026

Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo keessatti namoonni nagaan hidhattoota garee maafi’aa PP’n ajjeefamaa fi manneen gubachaa jiraachuun beekame

Jun 24, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 24, 2023

Waraanni akka feeteen Koloneel Abiy Ahimediin uummata nagaatti maqaa nageenya eeguu jedhuun bobbaafaman gochoota sukkanneessoo ta’an qonnaan bultoota irratti raawwachaa oolu.

Uummanni Oromoo erga abbaan irree koloneel Abiy Ahimed teessoo impaayeerattiitti ol ba’ee as qe’ee isaa irratti gidiraa hamtuu keessummeessaa kan jiru yoo ta’u Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Laattuu Walargii keessatti ajjeechaan namootaa fi gubaatiin manneen namootaa akkuma itti fufetti jira.

Haaluma kanaan torbee kana keessa Kaffalee Xaafaa kan jedhamu abbaa maatii kan ta’e mana isaatii osoo inni maatii isaa waliin buna dhugaa jiruu manuma isaa biratti ija maatii duratti waraanni fashiistii PP rasaasa itti roobsuun yoo ajjeesan mana isaas mi’a mana guutuu waliin guutummaan guutuutti gubanii barbadeessan jedhu jiraattootni.

Gandicha keessatti manneen namoota 15 oliis kan gubate yoo ta’u kanneen keessaa kan maqaan nu ga’e; Xaafaa Qananii, Baqqalaa Xaafaa, Teebbii Baqqalaa, Waaqumaa Dhaabaa, Caalaa Dhaabaa, Dhaabaa Bissuu, Tolii Qaanfuree, Margaa Obsaa, Shaashoo Absaa fi Shibbiruu kanneen jedhaman jalaa hidhattoota kolonel Abiy Ahimed kanaan  mi’a mana keessaa waliin gubatee barbadaa’e jedhu.

Kana malees torbeedhuma kana hidhaa fi reebichi namoota nagaa irratti rawwatamaa ture daangaa hin qabu jechuun gandichi guutumaan guututti gidiraa hamtuu keessa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading