KABAJAA AYYAANA AMNA
Qabsoon Bilisummaa Oromoo kan baroottan dheeraa dura eegalame, kan sochii qonnaan bulaa Oromoo Baalee Jen. Waaqoo Guutuun dhagahame, Jaal Elemo Qilxuus maqaa Oromootiin rasaasa
duraa itti dhukaasan kunoo waggaa 50 guute. Amni Qabsoo bilisummaa yeroo sana eegalee har’a ajajaa ol’aanaa ABO-WBO jaal Marroo Dirribaatiin gaggeeffamaa injifannoo jajjabduu galmeessaa hegeree dhaloota Oromoo fi Oromiyaaf sadarkaa abdachiisaa irra gahe.
Amni Qabsoon Waggoottan Shantaman keessa darbe, sirnoota afur keessa darbe. Kan jalqabaa jala bultii kufaatii Haila Sillaasee, itti aanee sirna Dargii kan waggaa 17f uummata keenya cunqursaa
hiriyyaa hin qabne keessa galchuun eenyummaa isaa gara dhabamaatti geessisee ture; kan sadeesso sirna EPRDF, kan waggaa 27f saba keenya gaaffii mirga hiree murteeffannaa dhorkee, heera
harkuu uummata dura qabee, Oromiyaa dachee saaminsaa fi cunqursaatti jijjiire; inni afreesso ammoo waggoota shanan darban keessatti uummata keenya lolaa fi sirna dhablummaa guddisee sarbama mirga dhala namaa fi sanyii duguuggaaf saaxilee keessa jira.
Qabsoo sabni gaggeesseen bara Haila Sillaasee qabeenya ‘abbaa lafaa’ nafxanyoota harkaa baasuun injifannoo isa duraa ture. Kunis, nafxanyootaa gama dinagdeen laaffisuu keessatti shoora qaba. Haa ta’uuti Nafxanyooti bu’uura afaanii fi aadaa Impayerittii keessaatti qaban itti dhimma bahuun fi bobaa Dargii jala dhokachuun eenyummaa Oromoo, akkasumas kan sabaa fi sablammootaa ukkaamsuu itti bobbahan. Haalli sunis jaarmayoota bilisummaaf qabsaawan
dhalche. Bara 1973 jaal Elemo Qilxuu Qabsoo hidhannoo eegalee booda ABOn bara 1976 bifa jabina qabuun Oromiyaa bahaatti dirree qabsoo hidhannoo gad jabeesse, sana boodas WBOn mul’ata bilisummaa saba Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa galmaan gahuuf dirree Dhihaa, Kibba Baha, Kibba, Gidduu Galeessa f Kaaba keessatti babal’ate.
Qabsoo waggaa 17 booda ilaalchi siyaasaa sabaa fi sablammootaa injifannoo ol’aanaa argachuun bara 1991 keessa sirni Dargii burkutaahuun xumura argate. Mootummaan Oromiyaa jedhamu
dhalate; afaan Oromoos afaan barnootaa, mootummaa fi mana murtii ta’e. Dhalootni afaan isaatiin seenaa ofii barachuu eegaluun eenyummaa isaatiin akka boonuu kaaraa saaqe. Oromoon kaayyoo
tokko jalatti hiriiree waliin wareegamuun akka hawaasa siyaasaatti tokkotti ol-bahuu eegale.
Dhalootni eenyummaa isaatti boonu fi kaayyoo isaatti cichu dhalate. Eenyummaa Oromummaas jabaate. Warraaqsi adda durummaa Qeerroo Oromootiin geggeeffame dhugaa kana qulqulleessee
addeessa. Sochiin Fincila Diddaa Gabrummaa fi Qeerroo bifa addunyaa dinqisiisuun qindaawee humna EPRDF bakkaa kaase. Hidhamtooti siyaasaa Oromoo hiikaman. Yeroo sanatti gaaffiin
siyaasaa Oromoo deebihuu ni dandaha abdiin jedhu namoota hedduu bira ture. Sunis ta’uu hanqatee lolli qindaawaan kan mirgoota xixiqqoo Oromoon qabsoo isaatiin argate sharafan mul’atan. Haalli kun Qeerroo biratti diddaa agarsiisuun akka WBO jabeessan dirqe.
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) imaanaa abbootii isaa kan wareega ulfaataa baasan dhaale, osoo hin sharafiin mirga hiree murteeffaannaa saba Oromoo gara bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaatti tarkaanfachiisuutti seene. WBOn gidiraa ummanni Oromoo fanfansa
siyaasaa, saamicha diinagdeetii fi moggeeffama aadaa hawaasummaa keessaa jiru keessaa baasuuf falmachaa gaaffii saba Oromoo hawaasa idil-addunyaatti mul’isuu eegale.
WBOn baadiyyaalee Oromiyaa dhuunfatee, uummati keenyis bilisummaa dhandhamuu eegale. Mootummaan Itiyophiyaa WBO torbee lamatti dhabamsiisa jechaa ture, sun akka hin dandahamne hubate. Mootummooti gurguddoo kan akka Amerikaa fi China maqaa fi gaaffii Oromoo hubachuu eegalan. Gaaffiilee siyaasaa isaaniif ifaa hin taane gaafachuu itti fufan.
ABO-WBOs manifesto ifaa baasuun rakkoon Oromoo bifa itti furamuu qabdu addunyaaf ibse. Oromoon biyya isaa irraatti akka abbaa ta’u, walabummaan diinagdee ummata Oromoo akka mirkanawu, saamichi qabeenya kan namaa fi uumamaa akka dhaabbatu falmachaa jiraachuu ibse. Ummanni Oromoos akka mirga aadaa-hawaasummaa isaa deebisee goonfachuuf qabsaahaa jiraachuu fi mirgi afaan, aadaa fi seenaa Oromoo akka kabajamu labse.
Sababiin lubbuu WBO fi uummata Oromoo bakka bu’aa hin qabne wareegamaa jiruuf bolola dhiiga dhangalaasuu fi jeequmsa uumuu qabaatee osoo hin taane, kaayyoo sirna cunqursaatii fi abbaa irree uf-iraa kaasee mirga namummaa fi sabummaa Oromoo goonfachuuf akka ta’e hubachiise. Sabni tokko mirgi isaa yoo irraa mulqame, falmatee deebifachuun seeraa uumaamaati. Bilisummaa namni namaaf kennu hin jiru. Kanaaf, ummanni Oromoo WBO cinaa dhaabbatee mirga ufii ufiin murteeffachuuf qabsoo wal-irraa hin citne gaggeessaa har’a gahe. Qabsoo fi hawwiin Oromoo bu’uraan mirga hiree isaa dhiibbaa tokko malee murteeffachuu akka ta’e hubachiise. Mirgi hiree murteeffannaa sabootaa, mirga kabajamu, tikfamuu fi guutamu qabu qofaa otoo hin taane, akeeka bu’ura masakaa nagaa fi nageenya waaraa akka ta’e addeesse. Gaaffiin
keenyi bifa kamiinuu kan mirga nama biraa ykn saba biraa miidhuu akka hin taane; dheebuun saba keenyaa fi WBO walqixxummaa, haqa, kabajaa walabummaa ummata Oromoo argamsiisuu ta’uu mirkaneesse.
WBOn milkii argame dachaatti dabaluun milkii biraa galmeessuu itti fufe, humni booddessaan aangoo bara 2018 butate, abdii biyya demokiraatessuu akka fixeensa ganamaatti harcaase. Gartuun kun aangoo mootummaa harka nam tokkootti galchee fi mootummaa qeenxee deebisuu fi ijaaruuf abbale. Aangoo mootummaa waaltaa kophaa isaatti dhuunfachuuf duula sanyii duguuggaa sabaa fi sab-lammoota irratti labse. Sirna dullachaa deebisuuf anaannatee itti seene. Haala mootummaan aangoo irra jiru akeeka diiggaa tarkaanfachiisuu fi waraana sanyii duguuggaa labsu keessatti roorroo uf-irraa qolachuu fi lubbuun jiraachuuf qabsoon hidhannoo filmaata filmaata biraa hin qabne ta’e. Qabsoon keenya qabsoo haqa-qabeessa, qabsoo seera-qabeessa kana keessatti mirga akka sabaatti nurraa mulqamee deebifachuu kaayyeffate ta’e.
Mootummaan PP dorgommiin siyaasaa bifa kamiiyyuu Oromiyaa keessatti akka hin godhamne hadheeffatee dide. Koreen gidduu-galeessa PP humnoota siyaasaa Oromoo hundumaa balleessuuf
dhoksaan shira xaxe. Akkuma ABOn biyyatti deebi’een, osoo oolee hin bulin, mootummaan gama tokkoon caasaa basaasaa isaa bobbaasee gama biraatiin ammoo namootaa fi murnoota lukkeelee isaa ta’an akka duula maqaa hadheessaa WBO irratti geggeessan tolche. WBO irratti duula shoorarkeessaa geggeessuun, yakka malee yakkuu fi dharaan irratti duuluun hujii guyyuu tolfate. Mootummichi dhimmaa hidhannoo hiikkachuu sababaa godhatee WBO yakkuu bira dabree waraana waliigalaa irratti labse. Walitti bu’iinsi dhiiga nama hedduu dhangalaasuu itti fufe. Yeroo torbaaniin lakkaawamu keessatti WBO balleessa jedhee dhaadachuu aadaa taasifate. Garuu, WBOn tarkaanfii diina uf-irraa faccisuu fi dantaa ummata Oromoo tiiksuu hundee godhatee socho’uu itti fufe. ABOn Finfinnee jirus akka waraana hogganu hin qabne ifaan ibse. Hariiroo ABO fi WBO jidduu jiru sababoota armaan gadiin cite.
1. ABOn Finfinneetti deebihe akka paartii siyaasaa seeraan galmaaye waan jiruuf humna qabsoo hidhannoo geggeessu hogganee mootummaa Itoophiyaa lolchiisuu akka hin dandeenne ifa galaa ta’e.
2. Miseensota Koree Hujii Raawwachiiftuu ABO Finfinnee jiran wayyabni PP waliin hojjechuuf walii galan. Tokko tokko ammoo sadarkaa naannoottii fi federaalatti bulchiinsa mootummaatti
dabalamani. Kanarrattis dabalee caasaan basaasaattii fi basaastonni fuul-lamiin caasaa ABO keessa seenan. Sababii kana irraa kan ka’e hogganni ABO birmadummaa jaarmayaa fi dilbii siyaasaa waan dhabeef, WBOf kallattii siyaasaa kennuu dadhabe.
3. Koreen hojii raawwachiistuu, miseensi gumii sabaa fi Qondaaloti ABO mana hidhaa keessatti hiraarfamaa jiru. Hogganoonni hagoon alatti hafanis hordoffii fi hudhaa caasaa basaasaa
mootummaa jala jiru. Kanneen hafan ammoo shira micciirraa siyaasaan mootummichaa jalatti kufani. Kanaafuu, hogganni ABO gara Finfineetti deebi’e guutuu guututti waan laamshayeef,
sochii siyaasaa WBOf qajalfama tarkaanfii kennuu isa dandeessisu dhabe.
Qabatamaatti, hoggganni ABO Finfinneetti deebi’e, humna seeraa, anniisaa siyaasaatii fi dandeettii hojii ittiin socho’u dhabe. Qaawwaa uumame cufuuf Adoolessa bara 2021 Oromiyaa dirree walabaa keessatti WBOn Kora Sabaa gaggeefate. Kora kanarratti hogganni siyaasaa WBO,
qondaalotaa fi ajajootni waraana WBOtii fi deggertoonni WBO Oromiyaa guutuu keessaa qaamaa fi quunnamtii hammayyaan irratti hirmaatan. Korri guddaa kunis hogganaa siyaasaa fi waraanaa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO jedhamu tolche. Kora Kanaan, ABO-WBOn itti gaafatamummaa ol’aanaan sochii waraana WBO hogganuu, dhimma siyaasaa fi dirree diplomaasii qindoominaan qajeelchuu fudhate. Moggaasni ABO-WBO jedhus siyaasnii fi waraanni qaama tokko jalatti waaltawuu fi tokkoomuu akeeka.
Hawaasni Oromoo biyya ambaa waraana isaa jiraachisuuf kaka’umsa ofii isaaniitiin WBOf deeggarsa dinagdee, teknology, siyaasaa fi diplomasii kennan danuu dha. Warra deeggarsa bifa maadhee irraa eegalee sadarkaa idil addunyaatti wal ijaaree bifa dinagdee, teknolgy, siyaasaa fi
diplomasiin nu waliin dhaabbate marti galata guddaa qabu.
Kaayyoon ABO-WBO Ummata Oromoo baraaruu fi duula barbadeessaa humni nageenya mootummaa Itoophiyaa nurratti bane cichoominaan uf-irraa qolachuudha. Loltoonni keenyi seera waraanaa irratti leenjii gahaa fudhachuu bira darbuun seerota dirree waraanaa kabajanii socho’u; kanarrattis dabalee naamusa waraanaatiin dabaalamanii sirnaan masakaman dha. Tarkaanfii caasaan ajajni ol’aanaa waraanaa hin beekne fudhachuun tasumaa hin hayyamamu; tarkaanfii seeraan alatti fudhatamu kamiiyyuu obsaan bira hin dabarru. Hennaa seera-dhableeyyii fi kaayomaleeyyiin tokko tokkoo tarkaanfii qaamni ajajni ol’aanaa quba hin qabne fudhatan, adaba laalessaan qajeelchina.
Mootummaan Itoophiyaa ‘’loltoonni WBO tarkaanfii shoorarkeessaa ummata nagayaa irratti fudhatu,’’ jedhee akka nu yakku tolchinee beekna. Qondaalonni mootummaa loltoonni keenna ‘’tarkaanfii shoorarkeessitummaa ummata nagayaa irratti fudhatu; ummata jumlaan fixu’’ jedhanii yakku. Mootummaan Itoophiyaa yakka yeroo adda addaa, itti gaafatamummaa tokkoon alatti,
ummata nagayaa irratti raawwatu WBOti dabarfachuu aadaa dhaabbataa tawuun hubatamaa dha. Gidiraa fi gocha hammeennaa ummata nagayaa irratti raawwatee WBO fi loltoota isaatti haqata.
Mootummaan Itoophiyaa yakkamtootaa fi bitamtoota gocha hammeenyaa ummata nagayaa irratti raawwatan WBOfakkeessee, leenjisee bobbaasa. Yakka daangaa hin qabne hojjatee, hojjechiisee WBOti haqata. Yakka akkeessaa fi fakkeessaa tolchanii golgaa ‘’ol’aantummaa seeraa kabajjisiisuu,’’ jedhu jalatti WBO fi caasaa deggersa isaa maqaa balleessanii tarkaanfii badii fudhatu.
Sababiin hangafni shira oomishanii facaasaniif tarkaanfii barbadeessaa WBO fi ummata nagayaa irratti fudhatuuf golgaa tolfachuufi. Sababiin biraa WBO dharaan yakkanii ummata Oromoo irraa addaan kutuu dha. Kanarratti dabalees akeekni shira kana duuba jiru WBO hawaasa idil-addunyaa biratti fudhatama dhabsiisuu dha. Yakki mootummaan Itoophiyaa ummata Oromootii fi WBO irratti raawwatu himamee hin dhumu. Shirri mootummaan xaxu WBO hawaasa idl-addunyaa biratti beekkumtii fi deggersa malee hambisuuf jecha WBO humnoota shororkeessituu, baddee balleessituu wajjiin walfakkeessanii dhiyeessuudha. Sababni biraas, ummata Oromoo jiddutti summii dharaa facaasanii akka waliif hin birmanne tokkummaa fi gurmuu isaa diiguuf ololli qophaawe facaafamaa jira.
Yeroo ammaa tana WBOn duula sanyii duguuggaa kan mootummaan gara-jabeessii kun ummata keenya irratti raawwataa jiru kophaa isaa qolachuu fi maseensuu irratti argama. Jecha biraatiin hennaa ammaa tana WBOn yakka mirga dhala-namoomaatii fi sanyii duguuggaa fashalsiisuu qofaa irratti hin ugguramne; mootummaa lubbuu ilmoo namaatiif dantaa takkallee hin qabnee fi aadaa kufaa jilbiiffattummaa habaqaalaa jiru murannoon dura dhaabbachaa jira. WBOn shoorarkaa fi gocha hammeenyaa kan mootummaan kun ummata keenya irratti geggeessaa jiru uf-irraa faccisuuf seexaa fi itti gaafatamummaa seera-qabeessa qaba.‘
Ajajaan ol’aanaa ABO-WBO media arraata sabaaf ta’u, Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, ijaaree akka injifannoon WBO guyyuu saba bira gahu, haayyooti siyaasaa akka hubannoota siyaasaa Oromoo ol-kaasan, oduu fi odeeffannoon saffisaan uummata bira akka dhaqabu, miidhamni fi gochaan sukkaneessaa diinaa saffisaan saaxilamu qoodi hojii media walabaa ol’aanaa waan ta’eef; uummati keenyi sana hubatee nu deeggare marti galatni isaa bilisummaa haa ta’u jenna. Hojiin jaarmayaa ABO-WBO biyya alaatti eegalames; akeeka haal duree tokko malee WBO gargaaruu, qajeelfama dirree qabsoo irraa fudhatanii ijaaramuu bu’uura tolfatee, namoota dandeetti, yeroo fi of-kennisa qaban ofitti ammachuun caasaa Godinaa, Gamtaa fi Gurmuu guuttachaa gara hawaasa dhaqabuu irratti hojjettan marti galatoomaa jenna.
Bilisummaan bilisaan argamu waan hin jirreef, WBOn lubbuu isaa tokkitti qaalii wareegee, mirga saba isaa kabachiisuuf dirqame qabsoo geggeessaa jira. Qabsoo geggeeffamaa jiru keessatti ilmaan
Oromoo jireenyaa fi lubbuu isaanii qaalii wareegun mirgaa fi lubbaa saba bal’aa tiksuun ulaagaa qabsoo keessa isa jalqabaati. Ummanni Oromoos kaayyoo wagga 50 har’a jaal Elemoo Qilxuun
eegalamee dhalootaa kumaa fi kitilaan itti wareegame amna fagoo deemee jira.
Bara jaal Elemoo Qilxuu qabsoo hidhannoo itti eegalee fi jala bultiin bu’uureffamuu ABO kan waggaa 50ffaa yeroo yaadannu injifannooleen goonfataman danuu dha. Mootummaa Oromiyaa jedhamu jiraachuu, eenyummaan Oromoo kan afaan Oromoo, aadaa Oromoo, dudhaa Oromoo dhabamarra irraa hafee mul’achuu; qabsoon hidhannoo humna sagliin eegalame birgeedota hedduun ijaaramuun Oromiyaaf wabii fi gaachana ta’uu agarsiisuu; WBOn har’a badiyaalee fi magaalootaa Oromiyaa heddu dhuunfatee gaaffiin saba Oromoo akka sirnaan deebbii argatu dhiibaa jiraachuu; mootummaan ABO-WBO waliin marihachuuf dirqamuu; hawaasni idiladdunyaa gaaffii Oromoof beekamtii kennuun haasawaa mootummaa Itiyophiyaa fi ABO-WBO gidduutti gaggeeffamaa jiru deeggaruun sadarkaa qabsoon keenyi irra gahe nutti mul’isa.
Yaa ilmaan Oromoo! Bakka irraa kaane hubannee, bakka amma jirru gahuun salphaa miti. Wareegama qaalii nu baasisee jira. Bakka amma jirru irraa gara rarraga injifannoo dhaqabuuf ogummaadhaan yoo tarkaanfanne karaan nu hafe xiqqoo dha. Qabsoon bilisummaa Oromoo har’a bu’uura hedduu lafa kaahee jira. Kanaaf, ummanni Oromoo bakka jiru irraa ogummaa, toftaa, tarsiimoo ABO-WBOn lafa kaaheen masakamuun tokkummaadhaan ijaaramee gara rarraga
injifannootti tarkaanfatu dhaamsa Oromummaa dhaammanna.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO
Waxabajjii 30, 2023