ONM-ABO Adoolessa 10, 2023
Murni maafi’aa PP garaagartummaa uummata Oromoo gidduutti dhalchuun bu’aa siyaasaa gidduudhaa sharafachuu kan barbaadu bilxiginnaan ilmaan Oromoo sababa walitti bu’iinsa Soomaalee waliin taasifameen buqqaa’anii qubsiifaman uummata naannoo waliin walitti buusuun miidhaan akka qaqqabu taasisanii jiru.
Dheengadda Adoolessa 8, 2023 kutaa magaalaa Furii aanaa Caffee Waraabuu bakka Darattoo Guuxii Arfan Qaĺloo jedhamu keessatti walitti bu’iinsa caasaan bilxiginnaa uummata saba tokko ta’an lagaan qoodanii dhalchaniin, booda irra gidduutti argamuun dhukaasa bananii nama Ibraahim jedhamu irraan miidhaa qaamaa qaqqabsiisanii jiru.
Uummata gidduutti shira kana kan dalagaa jiru nama Kabbadaa jedhamu akka ta’e kan nuuf himan maddeen diraamaa bilxiginnaa kanatti uummatni akka gadde himuun wal dhorkaa jiraachuu ibsanii jiru.
Murni faashistii PP qoqqoodee walitti buusee fi wal irratti hololchiisuun qofa qofaatti itti dhiyaachuun tokkummaa uummataa diigee bulchuu akka fedhu adeemsa siyaasa isaa irraa hubachuun waan danda’amuuf shira bilxiginnaa irratti baruun jaalala, nagaa fi tokkummaan akka waliin jiraachuu qaban dhaamsas dabarsanii jiru.



