• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baalee aanoota cufa keessatti gatiin xaa’oo baay’ee ol ka’uun qonnaan bultoonni rakkachaa jiraachuun barame

Jul 15, 2023

ONM-ABO Adoolessa 15, 2023

Bulchiinsi sirna nama nyaataa bilxiginnaa gama tokkoo rasaasaan ilmaan Oromoo lafa irraa balleessaa jiru tooftaa haarawaa baafachuun balaa beelaaf uummata saaxiluuf qonnaan bultootni xaa’oo akka hin bitanne danqaa  jira.

Murni PP godina Baalee aanoota cufa keessatti gatii xaa’oo ol kaasuun qonnaan bultootatti jireenya hammeessaa jiru.

Murni saamichaaf gad hin teenye bilxiginnaan kanaan dura gatii qamadii gad buusuun ana malee nama kamittuu gurguruu hin dandeessan jechuun hawaasa doorsiisee gatii gad bu’aan irraa bitaa kan ture yoo ta’u amma ammoo yeroo qonnaan bultoonni midhaan facaafachuuf sanyii bitachuuf jedhanittu qamadii ardaba tokko kan kanaan dura qarshii 3000n irraa bite deebisee qarshii 6000n itti gurguruun uummata maallaqa hin qabne rakkisaa  jiru.

Kanaan dura xaa’oo ardabni tokko qarshii 2000n gurguraamaa kan turan yoo ta’u wayita qonnaan bultoonni sanyii ittiin facaafachuuf gaafatanitti qarshii 5000niin itti gurguraa jiraachuu fi kan bitachuu hin dandeenye ammoo ooyiruun isaa qonnaa malee ba’aa waan  jiruuf uummatatti yaaddoo guddaa ta’ee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading