ONM-ABO Adoolessa 15, 2023
Wiixata darbe Adoolessa 10, 2023 Kaaba Oromiyaa Godina Walloo aanaa Baatee keessaa mootummaan naannoo Amaaraa kaabinoota bilxiginnaa Oromoo ta’an 20 qabanii hidhuun kanneen jalaa miliqanii badan adamsanii barbaadaa jiraachuu odeessi gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ibsee jira.
Sababni kaabinoota kana adamsanii hidhaa jiraniifis, hojii mootummaan naannoo Amaaraa kun itti kenne seeraan hin hojjenne jechuun, Oromummaa isaaniin yakkamanii akka hidhamanis namni ONM achii dubbise tokko dubbatee jira.
Haaluma kanaan hanga ammaatti kantiibaa magaalaa Baatee kan yeroo jijjiiramaa ture dabalatee namoonni 27 hidhamaniiru jechuun, bulchaan Aanaa Baatee ammoo harkaa ba’uun dhokatee akka jiru dabaluun ibsaniiru.
Warreen hidhaman keessaa kan maqaan nu qaqqabe, Abduu Mohaammed kantiibaa magaalaa baatee duraanii, Huseen Ahimed itti gaafatamaa waajjira milishaa duraanii fi Ahimed Caalaa kan jedhaman yoo ta’u, bulchaa aanaa baatee kan ta’e Sa’id Adam ammoo baqatee jiraachuun barameera.
Itti dabaluun guyyuma Wiixataa kana godina Walloo aanaadhuma Baatee bakka Coqortii jedhamu keessaa hidhattootni Affaar loon 10 uummata Oromoo Walloo jalaa ooffatanii deemuu dabaluun ibsanii jiru.







