• Sun. Mar 29th, 2026

Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti waraanni murna bilxiginnaa daa’imman lama fi Maanguddoo tokko, walitti namoota sadii ajjeessuun barame

Aug 4, 2023

ONM-ABO Hagayya 4, 2023

Murni Ilmaan namaaf naasuu hin qabne dhiiga lammiilee nagaa dhangalaasuun bulchiinsa aangoo isaa dheereffachuu barbaadu bilxiginnaan, bakkoota waraana isaa itti bobbaasu maratti daa’immanii  hanga maanguddootti ajjeessuun qe’ee Oromoo gadda uffachiisaa oola.

Haaluma kanaan godina baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Jaangirii jedhamu keessatti dheengadda Hagayya 2, 2023 waraanni murna bilxiginnaa  tarkaanfii WBO’n humna isaanii irratti fudhate haaloo ba’uuf  namoota nagaa kan maqaan isaanii maanguddoo Geetachoo Tarrafaa, obboloota lama kan umriin isaanii waggaa 15 gad ta’e Maariyaam Lammeessaa fi Waaqtolaa Lameessaa jedhaman naasuu tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesaniiru.

Heera impaayerattiis ta’e waliigaltee idil addunyaa kan hin kabajne bilxiginnaan ajjeessuu, ajjeessee reeffa dhorkachuu, bineensa nyaachisuu, reeffa gubuu, mana waliin namoota gubuu fi cubeen qaluun ajjeechaa sukkanneessaa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiraachuun taatewwan ilmaan Oromoo irratti waraana bilxiginnaan raawwatan ragaa dha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading