• Sat. Jan 10th, 2026

Loltootni bilxiginnaa sabaan Oromoo ta’an 18 godina Qellem Wallaggaa aanaa Sadan Canqaa keessatti hidhamanii jiraachuun barame

Aug 4, 2023

ONM-ABO Hagayya 4, 2023

Akka miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii godina Qellem Wallaggaa aanaa Sadan Canqaa irraa ba’uun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makaman dubbatanitti ilmaan Oromoo waraanummaan sirnicha tajaajiluuf  mooraa magaalaa Canqaa qubsiifaman 18 badii tokko malee Oromummaan yakkamuun erga hidhamanii baatii sadii ol lakkoofsisuu ibsu.

Miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii 18 sabaan Oromoo ta’anii reejimentii 55ffaa koorii 401 keessaa tajaajila waraanummaa barcuma Abiy Ahimed tiksuuf kennaa turan yeroo mareen araaraa ABO-WBO fi bilxiginnaa gidduutti geggeeffamaa ture, waltajjii waraanaa magaalaa Canqaa irratti maaliif wal ajjeesna mareen rakkoo xumuruun gaarii dha, TPLF waliinis akka mareen xumurtan WBO waliin nagaa buusaa fi nuti barcuma qondaaltotaaf lubbuu keenya dhabuun maaliifi? Lolli hin barbaachisuu fi mareen eegalame goolabamuu qaba jechuun yaada isaanii yeroo dhiyeessan maaltu isin galchee fi isin deggertoota WBOti jechuun qabanii erga hidhanii, hidhaa keessatti dararaa jiru.

Loltoota sababa Oromoo ta’aniif hidhaman keessaa ajajaa kudhanii Fufaa Kabbadaa fi miseensa Ashannaafii Fiqaaduu kanneen jedhaman keessatti argamu.

Dhaabbata waraana bilxiginnaa kana keessatti ilmaan Oromoo Oromummaan yakkamuun hidhamuu, ajjeefamuu fi reebichi hamaan irra ga’uu itti fufuun, warreen sirnichi hamaa ta’uu hubatan ammoo kallattii adda addaan keessaa badaa jiraachuu miseensota raayyaa ittisa impaayerattii ganaa jiran irraa hubachuun ni danda’ama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading