ONM-ABO Hagayya 9, 2023
Natu siif beekaa fi afaan Oromoo waaqayyoo hin dhaga’u kan jedhan leellistoonni sirna moofaa, namoota afaan keenyaan waaqa galateeffanna jedhan mirga isaanii sarbuun, ilaalcha siyaasaa itti maxxansanii hidhaa jiru.
Haaluma kanaanis dheengadda Hagayya 7, 2023 godina lixa wallaggaa magaalaa Gimbii keessatti namoota mana amantaa deeman mormii isaan waa’ee afaan Oromoon tajaajilamuuf Abbaa Daani’eel irratti geggeessaniin abbaan Daani’eelis afaan Oromoon hin tajaajilamu jedhee qaamota Finfinnee jiran irraa garas imalee akka afaan Oromoon hin tajaajilamneef labsii dabarsus uummanni hin fudhannu jechuun yoo morman, qaamotni bilxiginnaa ammoo reebicha irratti geggeessuun namoota kanneen hidhan.
Amantootni mormii kaasuun hidhaman kunneen maqaan isaanii Qomos Abbaa Haayilee Iyyeesuus, Luba Israa’el Tammaanee, Luba Gammachiis Guddinaa, Luba Qananii Lameessaa, Mulgeetaa Seefuu, Lammeessaa Guddatoo, Habtaamuu Bantii, Mogos Geendaa, Magarsaa Waaqbulchoo, Abbaa Gadaa Girmaa Tammasgeen, Haadha Siinqee Tsigee Kabbadee, Waaqgaarii Tasammaa, Girmaa Asfa’uu, Daaquun Luuccaa Mokkonon, Mokkonon Baay’isaa, Akililuu Dhufeeraa, Gammachiis Mokonnon, Yeeyyis Tamasgeen Biqilaa Fiqaaduu, Mokkonnon, Qannoo fi Koorsaa Alamuu namootni jedhaman murna bilxiginnaan hidhamanii jiraachuun barameera.
Uummanni kunneen Abbaa Daani’eel isa afaan Amaaraan tajaajilamuu qabdu jedhu mormanii abbaa Gabri’eeliin geggeefamuu akka barbaadan jiraattonni magaalaa Gimbii Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti.





