ONM-ABO Hagayya 11, 2023
Waraanni faashistii pp gochoota hammeenyaa hawaasa nagaa irratti raawwachuun uummaticha dararuu itti fufuun godina Qellem Wallaggaa bulchinsa magaalaa Dambii Doolloo keessatti saamicha eegalan.
Saamicha bifa haaraan manaa mana irra deemuun magaalattii ganda 04 fi 05 keessatti dheengadda Hagayya 8, 2023 geggeessan kanaan manneen namoota hedduu keessaa qabeenya gatii qaalii fudhataniiru.
Namoota saamaman keessaa kan maqaa arganne ganda 05 keessaa mana Nagaash Solomoon saanqaa waddeessaa fudhatan, akkasumas mana Barsiisaa Dessaaleny keessaa Laptop fudhatanii yoo deeman, ganda 04 keessaa immoo Obbo Biraanuu Gammachuu, obbo Waaqjiraa Raagaa, aadde Nigisee harmee Ijaaraa fi aadde Taaddaluu Naannoo irratti saamicha geggeessuun qabanii mana hidhaatti darbatanii jiru.
Akka maddeen jedhanitti, Obbo Waaqjiraa Raagaa haati manaa isaa yaalaa fayyaa waan taateef lilmee fi aalkoolii mana keessaa arganii asitti waraana bilisummaa Oromootu yaalamaa ture jechuun hidhuu dubbatu .
Murni faashistii PP magaalicha irraa takka tajaajila ibsaa kutuun yeroo biraa ammoo uummata baadiyyaa gabaa irraa deebisuunii fi maqaa gibiraan maallaqa guddaa hawaasa daldaalaatti ramaduun uummata rakkisuun cinaatti kanuma mana keessaa qaban iyyuu saamuun hawaasichatti jireenya hadheessaa akka jiran barameera.



