• Fri. Jan 2nd, 2026

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti waraanni faashistii PP sangaa qonnaan bultootaa qalachuun nyaatan

Aug 15, 2023

ONM-ABO Hagayya 15, 2023

Murni faashistii PP teessoo aangoo isaa tikfachuuf loltoota heddumina qaban leenjisee Oromiyaa keessatti erga bobbaasee, qe’ee Oromoo keessatti gochoota suukkanneessoo ajjeechaa lubbuu namaa hanga qabeenya barbadeessuu raawwachaa turan har’as  itti fufanii jiru.

Dheengadda Hagayya  13, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Yaarer keessatti waraanni faashistii PP sangaa qonnaan bultootaa 2 qalachuun nyaatan.

Sangoota guyyaa dilbataa qalatanii nyaatan kana irratti dhiichisaa kan turan yoo ta’u, qabeenya namootaa midhaan, bunaa fi boba’aa fe’atanii deemuun barameera.

Ganda Yaarer keessatti waggaa darbes waraanni Abiy Ahimed dargaggoota ol adeemoo kan ajjeessan yoo ta’u, bara kanas torbee darbe dargaggoo Hisqeel Dinqaa jedhamu ajjeessuu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading