• Sun. Mar 15th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Cobiitti waraanni sirnichaa qonnaan bultoota mana magaalaadhaa qaban jalaa diiguun beekame

Aug 18, 2023

ONM-ABO Hagayya 18, 2023

Qonnaan bultoota jireenya isaanii fooyyeffachuuf hojiilee garaagaraa irratti bobbaa’anii jiran murni  bilxiginnaa maqaa adda addaa itti moggaasuun mana irraa diigaa, xaa’oo dhorkataa, bakka jireenya isaanii irraa buqqisaa jiruu fi jireenya itti hadheessuu irratti argama.

Hagayya 16, 2023 Lixa Shaggar aanaa Cobii magaalaa Cobii keessatti dabballoonni fi waraanni sirnichaa mana qonnaan bultootaa diigaa turaniiru. Qonnaan bultootni kunneen baadiyyaa aanichaa irra jiraataa magaalicha keessatti kanneen mana ijaarratan yoo ta’an, baadiyyaa sana keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo isintu nurratti sooraa jira jechuun mana isaan magaalaa irraa qaban jalaa diigaa akka turan maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Aanaa Cobiitti namoota manni jalaa diigame ammaaf kan maqaa arganne, Obbo Darajee Dabalaa, Obbo Tulluu Margaa fi Obbo Kabbadaa Irreessoo kan jedhaman yoo ta’u, kanneen biroo maqaa hin argatiinis hedduun akka jiran maddeen keenya dabalanii addeessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading